Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayvori kosti Akkuma bara 1992 Baranallee Gaanaa Mootee Dheebuu Ganna 23 Baatee, Tapha Jara lamaaniitti Goolii 17 Gale


香港自由党周永勤揭受威胁弃选立法会内幕(美国之音海彦拍摄)
香港自由党周永勤揭受威胁弃选立法会内幕(美国之音海彦拍摄)

Kubbaan Wilfered Bony Kilabii Manchester City F.C fidan dhiite utubaa gooli dhooftee deebite, ta Junior Tallo, gurbaan kilabii Baista Ligue 1 fidan dhiite goolii gubbaa baatee dabarte,ilmaan Turee lamaanuu:Kooloo fi Yaayya dhiitanii galchan.Walumattu marroo 22 dhiitanii tapha Ayvoori Koosti fi Gaanaatti goolii 17 gale.

Beeriin goolii galchu qofaa miti ta itti dhiitanillee qabee Ayvori Kosti waancaa argachiie
Beeriin goolii galchu qofaa miti ta itti dhiitanillee qabee Ayvori Kosti waancaa argachiie

Waancaan Afrikaa 30essooo akkana tahaa dhufee akkuma bara 1992 Ayvoorii Koostii Gaanaa walti marse. Ayvori Koosti eeguma abdii kutatte akkuma taateefuu dheebu ganna 23 waancaa barbaacha dadhabde baate.

Ayvori Kosti moonaan manaajerii isaanii Herve Renard saamisi baafatee qomaa oli qullaa dirree keessa gammachuun utaale,Gerviinoo,Yaayyaa,koloo fi warri ahfelleen wal qabatee buburraaqaa istaadiyoomi baafate.

Gaanaan baranallee dheebuu ganna 33 galte. Dorgommiin Waancaa Afrikaa baranaa Ayvoorii Kosoti Gaanaa 9-8 moote waan hedudun qaabatan.

Dorgommii taphattootii Afrikaa kialbii Awurooppaa keessa tapahtan dirree Afrikaatti walti dhufani tapahtan.

Ilmaan Turee lamaan,ilmaan Abidi Peelee lamaan;Andrew fi Jordaa fi nama hedduutti dhufe.Ilmaan Peelee Gaanaa taphatanii ta Turee Ayvori Kostii tapahtan.

Dirreen Ekuwaatoriyaal Giinii fi DRC keesatti tap mataa waraanaa fakkaatte. Ekuwaatooriyaal Giiniin seera cabsite jedhanii $100,000 adaban,Morokoleen waan qaraa eeyee jettee fudhatte dorgommii tana qopheessuu diddeef tapha waancaa Afrikaa lama irraa dhaaban.

Tuniiziyaan seera taphaa balleessiteef Federeshiinii kubbaa miilaa isii $50,000 adaban,leenjisaa.Tapahciisaa DRC fi Ekuwaatoorilaa Giinii seera cabse jedhanii hujii irraa dhaaban.

Woma taateefuu tapha Ayvoorii Koostii fi Gaanaa daqiiqaa 120 keesstti gooliin galu dinnaan spot-kick ykn adabbiin addaan baasan.Daqiiqaan 120 sun keessatti kubbaan Christian Atsu Evertonii fidatan daqiiqaa 25 irratti sibiila gubbaa baatee dabarte,Jerviinoolleen marroo hedduu goolii galfachuf geeddii afarsaa dirree keessa garmaamullee Gaanaa irraan dabru hin dandeenne.

Yoo jarii kun akkana taphatu perzdaanti FIFA,Ka Federeshiinii Kubbaa Miilaa Afirkaa fi Perzdaantii Ekuwaatooriyaal Giiniillee dirruma keessaa daawwatan.

Biyyiti tun lamaan bara 1992 walti martelllee goolii wal irraan galchuu dadhabdee dhiiticha adabbiitin gargar baasan.Gaafa Ayvori Kosotitti 11-10 moo’e.

​Baranallee dahdabani jennaan dhiiticha adabbiitti dabaran.Jalqaba Gaanaatti dhiite keessa buufatte.

Ayvorii Koosti gooli lamaan jalqabaa dhabdee Gaanaan ta jalqabaa lamaanu hin galfatte.Akkanuma jechaa goolii 22 dhiitanii Ayvori Kosti 9 galfattee Gaanaan 8 argatte.

Goolii takkitti gurbaan Ayvori koostii gooli eegu Boubacar Barry dhiitetti akka Ayvori Kosti waancaa kana argattu tolche.

'Kaapteniin' Ayvori Koosti bara hedduu yoom waancaa argannaa jennee eegachaa baanee moohachuu keenna hin amanuuyyuu jedhe gamachuun dubbatee maanajera isaallee galateeffate.

Maanajerii Ayvori Koosti,Herve Renard taphii akka laafaa hin tahiniif waaqilleen akka isaan gargaare dubbate.

Manaajerii Gaanaa Avram Gran taphattootii isaanii moohamanillee tapha isaaniitti akka gammade dubbate.

Gaanaan akka itti moohamte hadheeffachaa waan ganna dhufu taatu ammoo abadachaa dheebuu ganna 33 waancaa Afrikaa argachuuf taate qaabachaa galte.Gaanaan waancaa Afrikaa ganan afur mootullee bara 1982 asitti womaa hin arganne.

Ayvori Koosti waancaa Afrikaa 1992 fi 2015 moote.Ta barana waliin ‘tanaan lammeeffachoo’ jettee waan argatte mi’eeffachaa bara itti aanu eegatti.

Isanii Ayvori Kostitti moo'a jettanii mala murtani ergaa nuu dhaamtaniin baga gammaddanii jennaa walumattu isanii qophii ispoorti irratti erga anu ergitan cufaanuu horaa bulaa jenna!

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG