Xurree ittiin seenan

Breaking News

Partileen mormituu Itiyoopiyaa filannoo keessaa akka baanu ixaan nutti baafame jedhu


Semayawi paartiin xalayaa boordii filannoo biyyoolessaaf barreesseen akka ibsetti akka seera filannootti qajeelfama kaadhimamtootaa faana bu’uu dhaan akkasumas akka boordichis yeroo kaadhimamtoota galmeessisuuf kaa’etti kaadhimamtoota isaa guutummaa biyyattii keessaa galmeessiseera.

Dura taa’aan semayaawii paartii obbo Yliqal Geetineti filannoo kana keessatti kanneen hirmaatan keessaa tokko ennaa ta’an ixaa dhaan keessaa haqamuun itti himamuu isaanii Obbo yliqal VOAf ibsaniiru.

Kan natii himame ixaan siif hin bane kan jedhu. Ixaa dhaan ta’uu isaa immoo nuti sadarkaa hojii keenyaatti waan fudhannu miti. Mira filachuu fi filatamuu namootaa kan irraa mulqu heera biyyaas kan cabsu waan ta’eef labsiis haa ta’u qajeelfama heera cabsu kamiin iyyuu akka heera biyyattii keeyata sagal irra taa’ee jirutti kan hin fudhanne ta’uu miseensonni keenya barru gabii qabatniiru jedhan.

Obbo Yiliqaal akka jedhanitti nuti kan nu ajaa’ibe mirga filuu fi filatamuu dhimma carraan argatan hin turre. Akka sagantaa paartii tokkootti mirga filachuu fi filatamuu ilaalchisee seerri lafak aa’ame jira. Sadarkaa tokkoo hanga ja’aa irra kanneen jiran ixaan utuu hin ba’in akka darban seera irra taa’ee jira, garuu Hirmaannaan siyaasaa ixaa dhaan ta’e jechuu dha jedhan. Barreessaan boordii filannoo fi itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Naggaa Duuffisaa himannaa kana haalaniiru.

Kan injiner yliqal Getinetiin dabalee kan paartilee ka biroo haalli inni itti hojjetame naannolee filannoo keessaa paartilee polotiikaa maraaf sirna ixaa baasuu sana irratti akka argamaniif waamichi darbeera. Sabaa imaaleen akka argamanis gaafanneerra. Kanaaf kan wal falmisiisu hin jiru.

Paatilee kaadhimamtoota galmeessian keessaa sagalee guddaa filannoo darbe irratti kan argatan jiru. Paartileen polotiikaa filannoo darbe irratti hin hirmaannes jiru. Kan bara 2002 irratti jechuu dha. Kana keessaa tokko semayawi paartii dha. Paartiin kun haaraa dha. Sagalee homaa akka hin qabaanne beekamaa dha. Filannoo darbetti kan sagalee caalmaa argatan ja’an adda erga baafamanii booda. Ja’a booddee warri jiran ixaa akka baasan ta’a. akka raga ani qabutti injner Yliqal ofii isaanii ixaa sana fuudhanii dhabaniiru. Kanaaf ixaa ba’e keessatti immoo eeyuunuu komachuun hin danda’amu. Jedhan.

Dura taa’aan semaayaawii paartii obbo Yiliqal Geetinnet kana hin fudhatan. Akka isaan jedhanitti namni tokko miseesummaa isaa kan murteessu namuma sanaaf paartii inni miseensa itti ta’uu fedhu. Seeraanis kan jiru isuma kana. Obbo Yiliqaal sababaan haqamuu kaadhimamtoota kanaa kaadhimamtoonni sun miseensa paartii isa kanaa ykn Sanaa ta’anii utuu hin taane semayawi paartii filannoo keessaa baasuuf fedhiin jiraachuu isaa ti jechuun shakkii qaban ibsaniiru. kanaafis raga dha kan jedhan dhiyeessu. Walumaa gala kaadhimamtoonni 200 ta’an haqamuu isaanii illee dubbataniiru.

XS
SM
MD
LG