Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummati mirga filachuu hin qabne uummata Abdii Hin qabaannee dha


President Barack Obaman yaadannoo guyyaa kanaa ilaalchisuun haasaa dhageessianiin. Lammiiwwan Ameerikaa biyyi isaanii biyya wayyooftu akka taatu waliin akka hojjetan wamicha dabarsan.

President Ronald Reagan seera mirga filachuu haaromsame mallatteessan. President George W. bushis seera haaromsame kana mallatteessaniiru. Miseensonni mana maree dhibbaan laka’amanis har’a uummata migi kun akka eegamu gochuuf wareegaman yaadachuuf jecha asitti argaman.

Guyyaa kanaaf kabajaa qabnu ibsuu yoo feena kanneen 100 taanu gara Washingtonitti deebinee kanneen 400 fi isaa ol ta’an waliin taanee ergama keenya godhachuu dhaan seer asana bakkatti deebisna jedhan

Chris Smkins akka gabaasetti lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Ameerikaa dhibbaan laka’amantu waggoota shantama dura hiriira mirga filachuuf waamame irratti hirmaachuuf Selma Alabama keessatti argaman. Akkuma isaan riqicha Edmun Pettus ce’aniin poolisii dhaan haleelaman.

Waggoota shantama booda qabsaa’aa mirga namaa kan ta’an NIms Gay mana murtii Birmingham keessaa bakka isaanii fi gurraachonni kanneen biroon angawoota warra adee kanneen mirga filachuu heerri isaaniif eeyame irraa mulqan gaafatanii dhaqan.

Maaliif akka waan anaa ol taatee-tti yaadda? Uummati martinuu dhiiga tokko akka qabu hin beektuu? Sun immoo hedduu isaan aarse. Ani garuu eenyuunuu mufachiisuu isaa dhimma hin qabaanne. Yeroo sirrii dubbattu ati sirrii dha. Sirrii hin taane taanaan immoo sirrii miti jedhan.

Rakkoolee seeraa hedduu booda gurraachonni filannoof akka sagalee kennan eeyamameef. Qabsoon sun cimaa ture. Garuu waan gaariif ta’e jedhan Nims.

Uummati sagalee kennuu hin dandeenye uummata abdii hin qabaanne. Har’as sanumatu ta’aa jira. Gurraacha ta’I adii, magariisa ta’I daalachea, filannoof sagalee kennuu hin dandeessu taanaan jireenya hin qabdu jechuu dha jedhaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:37 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG