Kamiisa Bitooteessa 12 bara 2015 ganama Awutoobusiin imaltoota 68 fe’e magaalaa Finfinnee irraa ka’ee gara magaalaa Dambi Doollootti qajeelaa ture tokko magaalaa Geedoo akkuma darbetti garagalee lubbuun nama 11 darbuu isaa Godina shawaa Lixaatti waajirri polisii aanaa Calliyaa ibsee jira.
Ajajaan waajiira polisii aanaa Calliyaa Komaandar Kabbadaa Dabarsaa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti namoonni battalumatti lafa balaan sun dhaqqabeetti du’an dhiira 7 fi dubartoota 2 akka turan sana booda garuu mana yaalaatti lubbuun isaanii kan darbe dhiiroonni 2 jiraachu ibsa.
Qorannaa gaggeessaa jirruun Awutoobusiin sun ariitii guddaan deemaa akka ture madden adda addaa irraa mirkaneffanneerra kan jedhan Komaandeer Kabbadaan kan balaa kanaan mada’uu salphaan irra ga’e shofeerri Awutobusichaa garuu “Freeniitu na dide, kanaaf dhaabuu hin dandeenye” jechuu isaa fi yeroo ammaas to’annaa poolisii jala akka jiru dubbatan.
Imaltoota balaa kana irraa lubbuun hafan keessaa tokko akka jedhanitti jalqabumaa kaasee Awutoobusiin kun ariitii guddaan deemaa akka ture fi suuta jedhii jechuun imaltonni kadhataa kan turan ta’uu fi shofeerichi garuu inumaa ariitii itti dabalee jedhu.
Shofeerris ta’e gargaartonni isaa umrii ijoollummaa akka qabanis imaltonni ni dubbatu.Gaaffii deebii guutuu armaa gadiiti caqasaa.