Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shamarran Akka Baratan Carraa Kennuun Hundee Jijjiramaati


Shamarran fedhii barnootaa ituu qabanii deggersa isaan barbaachisu dhaban magaalaalee Oromiyaa saddeetii fi kan Bulchiinsa uummatoota kibbaa Itiyoophiyaa tokko keessatti gargaaraa kan jiru dhaabnii dhunfaa kutaa Minnisootaa keessatti maadheeffate fi REAL jedhamu waggaa itti hundeeffama isaa kurnaffaa kabajuuf qophiitti kan jiru ta’uun ibsamee jira.

Bu’ursituu fi Daayreekteera walii galaa kan dhaaba kanaa Aaddee Xahaay Wadaajoo ibsa kennaniin waggootii kudhan keessatti shamarran 325 gargaaruuf danda’amuu isaa fi kanneen sadarkaa Digiriitti yunivarsitii keessaa eebbifamuuf carrooman akka jiran ibsanii jiru.

Shamarran kutaa ja’a xumuranii fi qarooma qaban kanneen abbaa haatiii ykn lameenuu jalaa du’an gama kaaniin immoo abbaa fi haati ituu lubbuun jiranii ijoollee barsiifachuuf humna dhaban hanga barnoota kutaa kudha lamaa fi Sanaa olii akka baratan ykn barnoota ooguuma adda addaa akka baratan gargaarra jedhu.

Shmarree tokko carraa barnootaa akka argattu gochuuf ji’a tokkotti Doolaara Amerikaa soddoma kan gaafatu ta’u kan ibsan Aaddee Xahaay kanas akka nama dhunfaatti akka gareetti ykn akka matiitti ji’a ji’an baasuun ni danda’ama jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:00 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG