Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Garee Finxaaleyyii Al Shababitti Duuluuf dhaadatte


Waraanni Keenyaa erga kamisa darbe jechuunis Ebla lama haleellaan Shorokeessotaa magaalaa Garrisa raasee qabee naga eegumsa cimsee jira. Konyaan Garissan uggura sa’aa jala jirti. Konyaale sadiis doorsisa al shabab jala jira.

Waggoota dhiyoo as garissan haleellaa boombii hamaaf kan saaxilamte si’a ta’u kanaafis leellistoota al shababtu himatma.Haleellaa miilanaan kan gitu garuu hin jiru.

Hospiaala Gariisa keessa kan jiraniif barattoonni lubbuun baraaraman haala suukanneessaa sana ni yaadatu. Quintin Anyango haleellaan sun ennaa eegalu qayyabannaa ganamaaf hirribaa dammaqaan ture jetti.

Yeroon alatti gad ba’u namoota hin beekamne sadiitu qawwee qabataniin arge. Yeroof dhaabadhee yaadeen doormii kootti hin deebi’u jedhee murteesseen bakka dhokadhuun barbaade jette.

Guyyaa guutuu dhokachuu dhaan galma barnoonni keessatti kennamu keessaa dhukaasa qawwee hiriyoonni isee ittiin dhuman dhaggeeffataa oolte. Guyyaa tokko mana barnootaatti nan deebi’a garuu as miti

Yoo garissa dha ta’e as deebi’aa hin jiru. Garissa dhaa ala yoo bakka biraa ta’e barnoota koo ittin fufa jtti Anyangoon.

Al Shabab akka jehutti haleellaan sun MUsliimota kenyaa keessa jiran dararuu isaa fi akkasumas qooda inni Somalia keessaa qabu dura dhaabbachuu isheef.

Musliimonni Garissa keessaa garuu battala garee finxaaleyyii kana balaaleffatan. Hoogganoonni naannoo hagi tokko baqattoonni somalee naannoo sana jiraatan biyya isaaniitti akka deebisaman illee gaafataniiru.

Presidentiin Kenya Uhuru Kenyatta sanbata darbe haasaa guutuu biyyaa dhageessianiin akka jedhanitti shororkeessonni Kenya keessatti haleellaa raawwatuuf shiraa jiran, kanneen itti gaafatamoo ta’an ni adamsina jechuun waada seenan.

Jireenya isaanii nagana akka geggeessaniif hin eeyamnuuf. Humni seeraa guutummaa dhaan kan waggoota darban caalaa cimee hojii irra ooluuf jira jedhan.

Kanneen haleellaan irratti raawwate garuu amma iyyuu deebii barbaadu. Waaltaa daldalaa Garissa barattoota university Garissa 800 keessaa meeqa akka du’an meeqa lubbuun akka jiran baruu fedhu.

David Muciri, koollejii naannoo sana jiru keessaa barsiisu. Maatiiwwan ijoolleen duraa dhabamaniif yaaddoon jiran biraa gaaffii dhiyaatu dhaggeeffataa turan.

Yaaddissaa dha. Nuti iyyuu akka hollaa universitichaatti dhuguma baay’ee nutti dhaga’ame. Maal uumamuuf akka jiru hin beeknu. Itti aanee tarii nu eeggata ta’a. hin beeknu jedhan.

Naasuun haleellaan sun uume Garrisa fi magaalaalee Kenya guutuu jiran rifaasisee jira. Ijaa ba’uun gara fuula duraatti mootummaa irraa dhufu immoo tarii muddama jiru hammeessa ta’a. Hawaasaaleen gamas jiran hamma danda’an tasgabbaa’uuf yaalaa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG