Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan ofumaa hiriira nu waame irratti nu haleele jedhu hiriirtonni. Gareen Islamic States haleelamuu qaba jedhan


Uummati dirree Masqalaatti har’a wal ga’e aarii, gadda, gaabbii, boo’ichaan guutuu miirri isaa wal makaa ture. Gocha sukaneessaa IS raawwateen lammiin Itiyoopiyaa garaan isaa gaddaan rukutame yeroo itti sagalee isaa dhageesise, Guyyaa boo’ichaa ture. Namoota halbee warren gara jabeeyyii sanatti dabarfamaniif kan isaan beekus kan isaan hin beeknes imimmaan isaa roobse.

Hiriirtonni kun yaada kennaniin lammiiwwan keenya yeroon akkasitti ajjeefaman mormi isaanii muramee ennaa gatamu FB irratti argine jedhan. Gadda keenya attamiin baafachuu akka dandeenyu hin beeknu, Nuu darba jedhanii cirracha gammoojjii keessatti hafan Waaqa kadhachuu malee waan goonu hin qabnu jedhaniiru.

Mootummaan Itiyoopiyaa haala biyya keessa jiru sirreessuu akkasumas garee finxaalessa IS irrattis tarkaanfii fudhachuu qaba jechuu dhaan kanneen yaada kennan keessaa Mulu Qen Dhaabasaa tokko.

Ijoollee kanaaf mootummaan utuu haala mijeesse ta’ee ijoolleen kun biyyaa hin baatu turte. Godaansaaf kan saaxilaman kanaafi. Biyya keenya keessatti waan hojjennu dhabnee ti. Utuu mormi isaa muramuu lammiin Itiyoopiyaa ammas ala ba’a. kana biyya keessaa haala mijeessuu qaba mootummaan. Garee shorokeessaa kana irratti murtii godhamu deggerree, waraana yoo ta’e illee bobbaanee lolla. Hamma sanatti itti gaafatama ni fudhanna. Nuti yeroo ammaa wa’ee filannoo miti kan nuti barbaannu. Haaloo baana jedhan.

Hiriira har’aa irratti mootummaa irrattis mormiin dhiyaataa ture. Jalqaba irraa kaasee mootummaan heeraa fi mirga lammiiwwanii kan hin eegne jechuun hiriirtonni kun dhaadannoo dhageesisaa turan.

Dhaadannoo “heerri biyyaa waraqaa qofa” jedhus dhaga’amaa kan ture keessumaa waltajjii masqalaa fi hiriirtota daandii Ambaasaddor jedhamu irra hiriiraniin ture.

Bifi hiriira waltajjii masqalaa tures kan jijjiiame san booda ture. Hiriirtota dhakaa darban isaaniin to’achuuf poolisoota yaalaa turaniif namoonni balaa jalaa dheessan asiif achi fiiguun jeeqama uume. Hiriirtonni fi poolisoonni miidhaan irra ga’e turaniiru.

Ambulaansiiwwanis kanneen miidhaan irra ga’e gara mana yaalaatti geessaniiru. Sirni sun erga xumuramee boodas waltajjii masqalaatii ka’anii kalattii adda addaa irra tamsa’e uummatichi. Poolisiin dullaa dhaan hiriitota kana bittimseera. Kanneen keessaa haga tokkos to’annaa jala ennaa oolchu argamee jira. Hanga gabaasi kun qindaa’etti haala attamii irra akka jiran hin beekamne. Poolisootaa fi hiriirtonni miidhaan irra ga’es hanga ammaa ifa hin taane.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:36 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG