Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Amerikaa Boksiin Addunyaatti Beekamu, Meey Wezer Dorgommii Takko Moo’ee $mili.100 Badhaafame


May Weather gama bitaa,Pacquio gama mirgaa Caamsaa 2,2015 wal dorgoman
May Weather gama bitaa,Pacquio gama mirgaa Caamsaa 2,2015 wal dorgoman

Namichi Amerikaa boksiin beekamu, May Weather dorgommii Caam. 2, 2015 Amerikaa kuta Laas Vegaasitti dorgoman moohee waan takka ispoorti keessatti tahee hin beenne dorgommi daqiiqaa 36tti doolara miliyoona 100 harate.

May Weather nama ganna 38 harka abbaa isaa irratti leenjifamee boksii barachaa guddate.Marroo 48 dorgommi addunyaa irratti dorgomee cufaa hin moo’e marroo 26 nama wlaiin dorgome dhahee lafaan dhahe.

Namii innii guyyaa dheengaddaa waliin dorgome jabuma akka isaati.Nama ganna 36.Marro 65 dorgomee marroo 57 moohe.Tana keessaa nama waliin dorgome marro 38 dhahee lafaan dhahe.Ufii ammoo marroo lama moohame.

Pacquio fi fi May Weather takkuma wal hin dorgome.Walti yaamaa dhaqani dadhaban. Tapha isaani kanaayyuu doolara miliyoona 400 itti bahe.

Dorgommii daqiiqaa 36 tana keessatti harka guddaan May Weatheritti caalle. Paakiyuun ammoo gara ji’aan duraaatti gurmuun harkaa dhukkubddee taphaan duratti limmee waraannachuun seera malee jedhani didanii sunumaan taphatee moo’ame.May Weather Fublaan dhufu keessa tapha dhiisaa jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG