Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaa Filannoon Dorgomtoonni, miseensoonni fi deggertoonni keenya Dararamaa Jiru


Caamsaa 24 bara 2015 guutuummaa Itiyoophiyaa keessatti filannoo gaggeeffamuuf duula na filadhaa gaggeeffamaa kan jiru ta’us reebichaa fi dararaan adda addaa nu irra ga’aa jira jechuun dura taa’an gamtaa madrak Dr. Mararaa Guddinaa dubbatan. Dorgoomtoota keenya reebanii madeessuu kokolaataa duula filannoof itti gargaaramnu cabsuu namoota nu waliin qunnamntii qaban hidhuun rakkoo nu mudate keesaa hanaga tokko jedhu Dr Mararaan. Duula Filannoo gaggeessaa jiran keessatti Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa ta’uu qaba isa jedhu kan tarkaanfachiisan ta’uu ibsanii jiru.

Bordii filannoo Bulchiinsa naannoo mootummaa Oromiyaaf dura ta’aa kan ta’an Ambaasaaddar Disaasaa Dirribsaa akka ibsantti himannaan kun barreefamaan dhiyaateefii akka jiru fi haala kana kan qoratu koreen lama hundeeffamee hojii qorannaa gaggeessaa jira. Kanneen hojii seeraan alaa hojjatan jirachuun mirkanoofnaan tarkaanfiin akka fudhatamu ibsuun mootummaanis ta’e mormitoonni dhimmi kanas ta’e kanneen biroo furuuf walii wajjin hojjachuun gaarii akka ta’e hubachisan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:17 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG