Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Naannoo Teessanii Akkamitti Deemte?


Ethiopia election
Ethiopia election

Filannoo Itoophiyaa 2015,nama miliyooan 38 olitti filatee paarti 68 irratti wal dorgomee jedhan.

Waldaan Afrikaa filannoon Itoophiyaa ta baranaa nagumaan deemtee jedhee gabaase.

Filannoon naannoo teessanii akkamitti deemte?Bakka buutotii MEDREK rakkoo akka akkaa himachuutti jiran.

Bakka bu’aan paartii MEDREK filannoo tana tohchuuf godina Gujii aanaa Liiban buufata filannoo Dhakaa qallaatti ergan seera malee dabaa fi qajeeluma filanoo laaluu na dhowwanii jedha.

Tana maleellee korojoon filannoolleen paartii isaani malee akka laalatmee paartiin mormitu naannoo sunii nama isaanii taajjabu hin argannee taajjabuu dhowwan jedha.

Tana maleellee nama sagalillee paartii mormitu deeggartan jedhanii ganda Bulbulaatii hidhanii Nageellee Booranaa fidan jedha hmati Medrek.

Bulchaan aanaa Liiban aabba Huqqaa Dhibaa ammoo wanni paartiin MEDREK himattu dhugaa mitii warri filannoo deeggaruf jarii ergateeyyuu saatii dabarsee ganama 1:30 eegi namii hagii guddaan filate dhufee jedha.

MEDREK nama sagal ka lama taajabduu isaaniitti ganda Bulbulaatii qabamee Nageellee Booranaatti hidhamee jedhee himata.

Bulchaan aanaa Liiban ammoo namii sagal ka paarti mormituu deeggaref hidhame hin jiru nama sadiitti jeequmsa qopheessee rakkoo gara garaa uumuuf ka'ee qabamee jedha.

Filannoon naannoo teessanii akkamitti deemte? Mee tana caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:27 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG