Xurree ittiin seenan

Breaking News

IHADEG injifannoo labse. Mormitoonni SAGALEE UUMMATAATU SAAMAME jedhan


Muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa H/Maariyaam Dassaaleny
Muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa H/Maariyaam Dassaaleny
HOogganoota MEDREK Dr. Mararaa Guddinaa fi Profeeser Bayyanaa Peexroos
HOogganoota MEDREK Dr. Mararaa Guddinaa fi Profeeser Bayyanaa Peexroos

IHADEG adaraa uummata irraa itti kenname miira itti gaafatama qabuun fiixaan baasa jechuu dhaan dura taa’aan dhaabichaa fi muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa H/Mariam desaleny dubbatanii jrian. Yeroo filannoo namusaan soso’an kan ittiin jedhan deggertootaa fi miseensota paartichaa illee galateeffatan. Mormitoonni immoo jecha muummicha ministeerichaa hin simatan jedha Eskinder Frew Finfinnee irraa gabaasa ergeen.

Filannoon biyyoolessaa fi naannoo marsaa shanaffaa dimokraatawaa,ka nagaa fi bifa amansiisaa ta’een xumuramuu isaaf gammachuu guddaa natti dhaga’ame ibsuun fedha.

Kun haasaa injifannoo dura taa’aa IHADEG bormumtaa boordiin filannoo ba’ii filannoo Caamsaa 16 beeksise dhageesisan ture.

Akka ibsa kanaatti manni maree bakka bu’oota uummataa barcuma 547 qabu keessaa ba’iin 442 beekameeraa, mara isaa iyyuu IHADEGtu injifate.

Mana maree bakka bu’oota naannoofis ba’ii wal fakkaataan galmeessamuu isaa ti boordichi kan beeksise. Dura taa’aan IHADEG fi muummichi ministeeraa Itiyoopioyaas TV irratti kan dhiyaatan kana ilaalchisuun ture. Dhaabi isaanii itti gaafatama itti kenname akka ba’us dubbatan.

Lammiiwwan isaan filates kan hin filatinis qixxummaan tajaajiluuf qophaa’uu isaanii dura taa’aan IHADEG kun ibsaniiru.

Miseensotaa fi deggertoonni IHADEG miliyoonaan laka’aman haala namusa qabuun filannoon kun akka milkaa’uuf sosso’aniiru jechuu dhaan faarsan obbo H/Mariam. Filannoon sunis kan nagaa amanamaa fi dimokraatawaa ta’ee xumuramuu isaa dubbatan.

Hoogganoonni paartilee mormituu garuu IHADEG fi mootummaa irraa kan kennaman ibsawwan akkasii hin simatan. Filannoon sun kan walabaa fi dimokraatawaa hin turre jedhu. Kanneen keessaa tokko itti aanaa paartii MEDRED Dr. Mararaa Guddinaa ti.

Sagalee uummataa humnaan saamanii uummatatu na filate jechuun qaanii dha kan jedhan Dr. Mararaa Guddinaa kana irratti gara fuula duraatti ibsa baasuuf jirra jedhan. Uumamti hiraarfamee sagaleen isaa saamamee utuu jiruu anatu injifate kan jedhe Ihadeg humna waraanaan gargaaramee uummata ukkaamse jedhan.

Waajjirri ministrii dhimma alaa Ameerikaas filannoo sana ilaalchisee ibsa baasee jira. Filannoon sun nagana xumuramuu isaa ibsi sun faarsee jira.

Boordiin filannoos yaalii qindaa’e gochuu isaaf gamtaan Afriikaa garee taajjabdoota addunyaa tokkicha ta’ee dhiyaachuu isaas tuqeera. Kun ta’ee garuu US hasaasaalee siivikii, sabaa himaalee dhuunfaa, paartilee mormituu fi yaadawwan dhuunfaan dhiyaatyan irra uggurri kaa’ame ishee yaaddessa jedha ibsi kun.

Sabaa himaaleen dhuunfaaf dhaaboliin sivikii dimokraasii fi mirga namaa irratti akka hojjetaniif waltajjiin dimokraataawaa ta’e ka dursi kennamuuf ta’uu qaba jedhee jira. Paartileen mormituu uggura tokko malee socho’uu danda’uu fi taajjabdoonni biyya keessaa fi biyyootii alaa jiraachuun filannoo walabaa fi kan haqaa ta’eef murteessaa ta’uu ibsi ministerii dantaa alaa Ameerikaa kun ibsee jira.

XS
SM
MD
LG