Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Genzebeen waan miilii qilleensa irra loo’u fakkaatti… akka Guchii miilii lafa hanqatee ceet fakkaatti, ittuma dhi'aadhee arge”


Genzebe Dibaba
Genzebe Dibaba
Me tanallee caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:16 0:00
Xurree marsariitii

Genzebee Dibaabaa,atileetii Itoophiyaa ganna 24. Ilmaan Obboo Dibaabaa Qananii fiigichaan addunyaa moohan keessaa tokko.Metirii 1500,3000 fa moohuun beekamti.

Dorgommii Kamisa dabre (Wacabajjii 11,2015) Osloo Noorweyitti dorgomanillee isiitti moo’e.Utaalchii,fiigichii isii maan fakkaata?Warrii yoo isiin dorgommii adunyaatti fiiddu arge maan jedha?Dhibaa Guyyoo

Atileeti Genzebee Dibaabaa(file photo)
Atileeti Genzebee Dibaabaa(file photo)

​yoo Ganzabeen dorgommii km Oslootti dorgomte ittuma dhiyaatee arge keessaa tokko:

“Akka nama qilleensa gubbaa cehuu kaan ceeti. Fiigichii isii maan fakkaata jennaan, “fiigichi isii guchii ceetu fakkaata…miilii lafa hanqatee quba miilaatiin lafa tuxxi malee waan dhugumaan lafa irra ejjattu hin fakkaattu.”

Tana malee akka jecha Dhibaatti Ganzabeen,“nama dhugumana qilleensa gubbaa loou fakkaatti.”

Yoo atileetotii Itoophiyaa dorgommii biyya alaa dhufan nama hedduutti bahee simata.Kaan biyya isii, kaan naannoo isii,kaan ammoo saba isii faarsa.

Faaruun tun akka jecha Hayilu Kitaabaa,ka ufillee istaadiyoomi Bishleeti, Oslo, Noorwey dhaqee dorgommi Ganzabee laale jedhetti,“ummatii Oromoo bara baraan aadaa godhatee bahee isaan deeggara.Hamileen isaan achitti argatan waan diqqaadhaa miti.”

Hayiluun sirbaan beekama.Ispoorti tama jaalatta jennaan cufaa hinuma jaaldhaa hojjaa gabaadhabdhee malee silaa hinuma fiigaa jedha.

Kubbaa Miilaa

Dorgommi Kubbaa Miilaa Waancaa Addunyaa Ijoollee ganna 20 gadii U20,New Zelanditti itti jiranii biyya saddeettan walti hafuuf deeman keessaa afur qaata beekaman; Biraazili,Maalii,Serbiyaa fi Senegal.

Taphii kun guyyaa shaniin duubatti dhumata. Biyya 24 magalaa New Zelaadni torba keessatti taphachuutti jiraa marroo 48 taphatanii goolii 134 gale.

Dorgommi Kubba Miilaa Waancaa Addunyaa Nadheenii Kanadaatti itti jiranii torbaan lammeesso keessa jiran. Biyya 24 tapachuutti jiraa marroo 24 tapahtanii goolii 74 gale.

Tapha torbaan lamaatti goolii hedduutti gale ; Jermeniin Kooti Divoori 10-0, Kameroon Ekuwaador 6-0,Siwizeralandi 10-1, moohachaa walumattu goolii 74 galte.

Wxabajjii 15,2015 Taaylandi Jermenii,kootidivor Norwey, Nezeralandi Kanadaa, Chaayinaa fi New Zilanditti taphata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG