Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Haailemaariyaam Dessaaleny Eertraan dubbi tuqachuu hin dhaabnu taanaan tarkaanfii fudhanna jechuun akeekkachiisan


FILE - Hailemariam Desalegn, Prime Minister of Ethiopia, addresses a news conference from his office in Ethiopia's capital Addis Ababa.
FILE - Hailemariam Desalegn, Prime Minister of Ethiopia, addresses a news conference from his office in Ethiopia's capital Addis Ababa.

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa H/Maariyaam Dessaaleny mootummaa Ertraa kan akeekkachhiisa har’a miseensota mana maree bakka bu’oota Uummataaf ibsa kennaniin ture.

Mootummaan Ertraa holloota isaa keessumaa Jibuutii fi Ertraa jeequu irratti hojjetaa jira jechuun yakkan.

Kanas rakkoolee isaa biyya keessatti uumaman kan alaa dhufe fakkeessee itti fayyadamaa jira jedhan

Muummichi minsiteerichaa akka jedhanitti mootummaan Ertraa imaammataa isaa kana battala jijjiira jedhamee hin eegamu. Imaammati isaa kun immoo akkuma itti fufaa adeemeen mootummaan isaanii tarkaanfii fudhachuu danda’a jechuun akeekkachiisan.

Uummati Itiyoopiyaas ta’e kan Ertraa kan isaan bu’aa argatan nageenya irraa ti. Kanaaf nageenyi nuyiif kan duraas isa dhumaatis. Haa ta’u malee mootummaan Ertraa imaammata amma qabatee jiruun itti fufee Itiyoopiyaaf biyyoota hollaa kanneen biroo jeequuf kan jiru tarsiimoo isaa hin jijjiiru taanaan dirqisiisamne haalli ittiin tarkaanfii fudhannu ni uumamuu mala jedhan.

Mootummaan Itiyoopiyaa nagaa barbaaduun isaa akkuma eegametti ta’ee garuu yeroo mara haala hollaan nagaa jeequ jiru keessatti of eeggannoo godhachuun waan nu irra jiraatuuf yeroon isaa ennaa ga’u mootummaa Itiyoopiyaatti beeksisnee tarkaanfii barbaachisu haalli ittiin fudhannu ni jiraata jedhan.

Tokkukmmaan mootummootaa uggurri inni mootummaa Ertraa irra kaa’e guutummaatti hojii irra akka oolu kan fedhan ta’uu muummichi ministeerichaa beeksisaniiru. Obbo H/Maariyaam kana dura yaadawwan kennaniin dubbii tuqachuu mootummaa Ertraan geggeessamuuf mootummaan isaanii tarkaanfii fudhachuu kan itti fufu ta’uu ibsan. Ibsi isaanii har’aa kun imaammata mootummaa Itiyoopiyaa kana jijjiiruuf dhiisuu isaa waanti beekame hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG