Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bajatii Itoophiyaa Bara 2007/2008 Qarshii Biliyoona 223.3, Qooda Naannolee keessaa Ka Oromiyaa harka 31


Paarlaamaa Itoophiyaa
Paarlaamaa Itoophiyaa
Me tanallee caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:59 0:00
Xurree marsariitii

Bajta Itoophiyaa Paarlaamaatti raggaasa.Barii Bajata Itoophiyaa Adoolessa 8,2015 jalaqaba bajatii baranaa ka bara dabree hakra 20 caala.

Horii kana keessaa akka daarekteri odeeffannoo Minsitiri Maallaqaa fi Dinagdee obboo Hajjii Ibsaa VOAtti himetti harkii guddaan ka mootummaa federaalaati.

Karoorii fedralaaa akka jecha obbo Hajjiitti horii kana haga guddaan karaan baasuu,ibseen galchuu,hujii barnootaa irra oolchuu,hospitaala jaaruu fi waan akkanaatiif baasuu

Horii kana keessaa harka hagam qabdan jennan, “harka 80 caalaa mootummaatti baasaa harkii 19 liqaa fi gargaarsa.”

Walumattuu horii kana keessaa harkii 31, Qarshiin biliyoona 23 miliyoona 114 fi kuma 100 fi 49 fi 645 ka Oromiyaati.

Karoorii mootummaa ka ganna shanan dhufaa akka jecha obboo Hajjiitti Itoophiyaatti yuniversitii 13 jaaruu,tana keessaa sadii Oromiyaatti ijaaran.

Maqaan yuniversitii Oromiyaatti jaaruuf deemanii Odaa Bultum, Odaa Baarentum faa.

Karoorii guddaan mootummaa federalaaa ganna shanan dhufaatii qabate hiyyuma harka 70 diqqeessuu.Hujiin hiyyummaan diqqeessan ka akka qonnaa, jallisii, barnootaa fi waan kana fafakkaataati.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG