Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rokkeettiin Qorannoo NASA,New Horizons Ganna Sagalii fi Ji'a Shan caalaa Karaa km Biliyoona 5 Deemtee ‘Pluto’ Geette


Pluto
Pluto

Ganna sagali,ji'a shanii fi fi guyyaa 25 karaa deemte, saatiitti km 58,000 caalaa barrifti horii biliyoona hedduutti itti bahe.New Horizons, maqaa rokkeettii NASA, Dhaaba Qorannoo Qilleensaa Hawaa USA.

Rookkeetii qorannoo saayinsii hedduu buufa humna Amerikaa keessaa oli tokkosan
Rookkeetii qorannoo saayinsii hedduu buufa humna Amerikaa keessaa oli tokkosan

​New Horizons tana hujii qorannoo saayinssiitiif jedhanii Ammajii 19, 2006 USA,naannoo buufata humna qilleensa Amerikaa Cape Canaveral SLC-41 Kalifoorniyaa jiruu oli tokkosan.New Horizons sekondii tokkotti km16.26 barritii saatiitit ammoo km 58,536 km/h barrisaa PLUTO dabarte.Rokkeetiti tana nami keessa hin jiru.

New Horizons PLUTOn maal akka fakkaattuu fi maalti keessa jiraa,qilleensa akkam qabdii fi waan hedduu qorachuuf oli ergan.Footo fi odeeffannoo achii argamte ammallee walti qanii warra lfa jiruu ergumatti jiraatanillee New Horizons PLUTO irraa km 12,500 caalaa fagaattee footoo kaastee odeeffannoo walti qabde.

Akka amma argametti PLUTO haga guddaan cabbii qabdi.PLUTO,planet,waan lafaan wal fakkeessan gugurdoo sagallan durii jedhan keessaa tokko.Bara 1930 saayintsitiin USA Clyde Tombaugh waan Pluto jedhan kana arge.Qoranoo bara 1992 ammoo waan Planet dhibiitti NEPTEON aanaa Kuiper belt arganii Pluton akkuma baanan Planet sagallan keessaa tokko tahuu isii shakkiin dhufte.

Bara 2005 keessa ammoo qorataan ERIC jedhan waan guddinnaan PLUTO caalaa qoratee arge.Eegii suni asitti Qorattootii Hawaa Addunyaa International Astronomical Union (IAU) PLANET jechuunuu maan akka taate irra deebihanii qorachu malan jedhe.

APTOPIX Pluto
APTOPIX Pluto

Pluton haga jedhan caalaa taate argamte.New Horizons ta Institiyuutii Qorannoo Kibbaa Dhiyaati km 478 ulfaatti.

Addunyaan akkuma lafa irratti hujii saayinsii hojjachuuf km biliyoona heddu oli dabartee hujii saayisii hojjachuuf karaa marti.

PLUTO:Ji’a shan qabdi taatullee ka akka dansaa beekan Charon.Ganna 248 marro tokko adu irra marti.Laakkuma bultee kaatuun aduu irraa fagaachaaa deemti.Adu irraa fagaachaa deemnaan ammoo cabbii qofa tahuuf deemti.Yoo isiin akkas cabooftee dhqanii hujii saayinsi keessatti hojjachuun dhiba taati.

Adoo bara 2020 hin geennee,adoo isiin akak baanan hin cabboofnee ariifatani dhaqanii qoratan.Pluton faaydaa saayinsi hedduu irraa argatan.Duraan bara 1989 dhaquu kajeelan hin taanee bara 1992 akka dhaqanii qoratan walii galan.

PLANET gugurdoon beekaman sagal.Tattana keessaa ta akak malee lafa irraa fagoo jirtu PLUTO.NASA,Dhaabii Qorannoo Hawaa fi Qilleensa Amerikaa Pilaaneti tana cufatti rokkeetti ergee qorachiise.

VENUS Muddee 14, 1962 bira gahan rokkeettiin Venus bira geette Mariner 2,

Ta itti aananii dhaqan Mars Adoolessa 15,1965 bira gahani rokkeetiin achitti oli ergan,mariner 4

Jupiter Muddee 1973 bira gahan rokkeetiin achi ergan,Pioneer 10,

Mercury Bitootessa 29,1974 bira gahan rokkeetiin huji tanaaf ergan mariner 10

Saturn Fulbaana 1,1979 bira gahan rokkeetiin qorannoof achitti ergan Pioneer 11 jedhan.

Uranus Ammajii 24,1986 bira gahanii rokkeettiin hujii suniif gaafas oli ergan Voayage 2

Neptune ammoo Hagayyya 25,1986 bira gahanii rokkeettiin hujii qorannoo suniif gaafas ergan voyage 2

Ta eegee bira gahan ammoo Pluto,Adoolessa 14, 2015 bira gahan.Rokkeetiin gafas qorannoo suniif ergan, New Horizons.

PLAANETII sagallanii aduutti dhiyeennaa fi irraa fageenna isaanii
PLAANETII sagallanii aduutti dhiyeennaa fi irraa fageenna isaanii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG