Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-falmii Haasawa Prezidaanti Obaamaa Irratti Geggeessame


U.S. President Barack Obama gestures during a joint press conference with Ethiopian Prime Minister Hailemariam Desalegn at the National Palace in Addis Ababa, Ethiopia, July 27, 2015.
U.S. President Barack Obama gestures during a joint press conference with Ethiopian Prime Minister Hailemariam Desalegn at the National Palace in Addis Ababa, Ethiopia, July 27, 2015.
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:31 0:00
Xurree marsariitii
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:31 0:00
Xurree marsariitii

Perezidaantiin Yunaatyitid Isteets, Baarak Obaamaa, torban dabre ennaa Itiyoophiyaa daawwatanitti bakkawwan adda addaatti, haasawaa godhanii fi ibsa kennan keessatti dhimmoota wal-falmsiisoo ta’an kanneen akka filannoo fi dimookiraasii, mirga dhala-namaa fi walabummaan yaada walii-dabarsuu, akkasumas, shororkeessummaa fi qabsoo hidhannoo tuttuqanii turan.

Haassawa isaanii kana irratti Paartii Motummaa irraa Itti-aanaa Prezidaantii Yunivarsitii Siivil Servisii Itiyoophiyaa fi miseensa Paarlaamaa - Dr. Mulugeta Debebe fi Paartii mormituu irraa - Barreessaa Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Beqqelee Nagaa waliin guyyaa lamaaf marii geggeessinee jirra.

Perezidaanti Obaamaan Muummicha-ministaraa Itiyoiophiyaa – Obbo Haile-mariyaam Dessaalegyi waliin ennaa tuta oduuf ibsa kennan irratti --- waa’ee dhaabota mormituu, mootummaa Itiyoophiyaa qawween loluuf sosso’anii fi mootummaan Itiyoophiyaa “shororkeessota” ittiin jedhuu gaaffii dhihaateef ennaa deebisan “ Mootummaa Itiyoophiyaa dabalee, mootummoota karaa dimooikiraasii filataman qawween gargalchuu imaammatni keenya hin sideggeru” waa’ee mormitoota Itiyoophiyaa mootummaan biyyattiin “shorokeessota” ittiin jedhu garuu, akka qorannaa fi ulaagaa Yunaaytitid Isteets lafaa qabduutti dhaabonni Itiyoophiyaa sun shororkeessota akka hin ta’iin dubbatan.

Dr. Mulugeetaa fi Obbo Beqqeleen dhimmoota akkanaa faa irratti mari’atan. Iddoo ilaalchi isaanii wal-simatus iddoo itti wal-falmanis ni qaban.

Guutummaa wal-falmii isaanii kan kutaa lamaan jiru dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG