Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Gadaa Booranaa Barachuuf Jappaanii dhufee Jaruma Waliin Jiraachaa Aadaa Baradhee Kitaaba Katabe"


Dr.Chikaagee (Looko Duubaa)
Dr.Chikaagee (Looko Duubaa)
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:41 0:00
Xurree marsariitii

Dr.,Chikaagee Oba-Smitdt(Dr.Lookoo Duubaa)dhalootaan nama Jappaaniiti. Barmusa qorannoo jireenna ilmee namaa(Anthropology)barattee barumsa PhD qabdi.

Bara 2005 keessa aadaa Gadaa Booranaa barachuuf Jappaanii dhufte. Booranuma waliin jiraachaa aadaa isaalleen barattee kitaaba fuula 800 qabu barreessite, Dr.,Lookoon.

Yoo kora OSA(Oromo studies association)Waldaaa Qorannoo Oromoo 29essoo bara 2015 Yuniversitii Howarditti taahe irratti waan barreessite dubbachuuf yaamanillee mataa- duree The Raaga, its social and historical roles among the Boorana in Southern Ethiop Jedha.

Dr.Chikaagee (Looko Duubaa) kora OSA bara 2015 irratti waan aadaa Booranaa dubbatte
Dr.Chikaagee (Looko Duubaa) kora OSA bara 2015 irratti waan aadaa Booranaa dubbatte

​Kitaabii isiin barreessitee Muddee bara 2015 keessaa bahuuf deemu ammooThe oral chronicle of Borana in the southern Ethiopia,” jedha.

Dr.Chikaageen maqaa Jappaanitti baasaniif.Chikaagee jechuun afaan Jappaaniitin gaaddisa jechuu jetti. Boorannii ammoo Lookoo Duubaa jedhee moggaase.

Yoom dhuftee afaanii fi aadaa barattee kitaaba barreessite jennaan,“qaraa Dubuluq,booda Gaayo achi baaddiyaa taahee jiraadhee jireenna Booranaa baradhe.Akka namii bisaan dhaqu,qoraan dhaqu,okhaa dhaqu, gabayaa deemuu fi afaanillee baradhee aadaallee baradhe.Qaraa akka Booranii dubbatu barachuu fedhaa jedhee baradhe.”

OSA 2015
OSA 2015

​Achii lafa hedduu deemtee ganna tokko achi teettee waan achii baratteen digrii lammeessoo Master degree aragatte. Achii ammoo Dirree,Dubuluq, Dilloo, Meegga , Dhaas,Waacille, Borbor, Areeroo, Yaaballoo fi Liiban dhaqee aadaa baradhe jetti.

Lafa tana cufa keessaa deemee jaarolee argaa dhageettii, jaarrolee himnaa 46 wa gaafatte barreessite.Waan gaafatte ammoo akkuma jarii afaaniin itti himeen adoo womaallee hin jijjiirre kitaaba irratti deebifte.

Waan barreessite kana fuulii 500 irratti fuula 300 irratti waan haga Boorana keessa jiraattee argitee fi waan dhageette irratti yaada ufi itti dabaltee barreessite Dr.Lookoon.Fkn akkana fa jettee ufi gaafatte,”Booranii bara qubeen hin barreessinetti akkamitti afaanumaan seenaa dabarsuu dandahe?”

Kitaabii fuula 800 kun haga guddaan waan Gadaa,Himna Raaga Booranaa, maqa-baasa ijoollee Booranaa, Raaga Booranaa,jabaa fi janna Booranaa, Geerarsa Booranaa, Jeemuu fi Goba faa keessatti barreessan.

Yoo waan seenaa abootii Gadaa barreesstie ammoo abbootii gadaa cufaa 70nuu,Gadayoo Galgaloo(abbaa Gadaa Booranaa ka qaraa)tii haga Guyyoo Gobbaa(abbaa Gadaa Booranaa ka ammaa)tti maqaa barreessitee waan bara sun keessa tahe hamtuu-toltuullee walumaan barreessite.

Jbaa-Janna Booranaa isiin barreessite keessaa ka durii Diidoo Gaawwalee, Saalaa Annaa,Waaqolee Booraa, Mardaayyee Dooyyoo Boosoo, Diidoo Saddeetii.

Raaga Booranaa ka durii ka isiin barreessite ammoo Morowwaa Uchumaa, Alii Boddee,Waariyoo Udatee, Boruu Jiloo-Walee, Areeroo Boosaroo,Kibboo Abbaa-Hareetii fi Waariyoo Baabboo fa.

Kitaabii Dr.Lookoon kun 2015 keessa Jermen keessatti bahuuf deema.Dr. Lookoon hujii Booranatti hojjate fixannaan aadaa Oromoo Arsii fi Raayyaa barachuuf deemti.

Maaf akkana aadaa Oromoo jaalatta jennaan“Fedhii..fedhiin tun eessa adhufte yo jette waaqatti naa kenne.Ka warra Oormo kun guddo aadaa dansaa qaba. Maanguddon Oromoo mataa keessaa haasaa dansaa qabdi.Akka malee kana jaaldha.”

Waan aadaa Oromoo akkana jaalattu tana maan jettee fkn warra Jappaan faatti himta jennaan ammoo…

Kutaa lammataa torbaan itti deebina.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG