Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Genzebee Dibaabaa Waliin Atileetota 12 Shaampiyoonaa Beejingi,Chaaynaatti Dorgomsiifachuuf Ergatte


Beejingi 2015
Beejingi 2015
Tana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:48 0:00
Xurree marsariitii

Shaampiyoonaan Beejingi 15essoo dorgommii atileetii addunyaa irratti wal dorgoman.Dorgommii tana IAAF (International of Athletics Federation)Waldaan Federeshiinii Atileetota Addunyaa qopheessu ka atileetotii addunyaa bebeekamoon irratti wal dorgoman.

Dorgommiin istaadiyoomii Chaayinaa maqaa Mana Simphirree(Bird’s Nest) Hagayya 22-30,2015 wal dorgoman.

Dorgommii fiigicvhaa gabaabaa haga maratoonii irratti wal dorgoman tun dorgommii atileetotii addunyaa bebeekamoon itti wal dorgoman.

Itoophiyaan dorgommi tana irratti Genzebee Dibaabaa,Imaanaa Margaa,Yoomiif Qajeelchaa,Hagos G/Hiwot,Muktaar Idriis, Musinnet Geetahun,Galatee Burqaa, Alemitu Harrooyyee, Belaaynesh Olijirraa,Almaaz Ayyaanaa, Sanbaree Teferii waliin nama 12 dorgommii tanatti ergate.

Akka leenjisaan atileetota Itoophiyaa obboo Melkaamuu Derresee jedhetti atileetotii Itoophiyaa fayyaa guutuu qabanii qalbiin akka dansaa jiranii abdii guutuun dorgommii tana dhaqan.

Guyyaa dorgommiin nama jalatti dhiyaattu shaakala akkam leenjsian jennaan leenjii didiqqoo jedha.

Atileetota tana akka jecha obboo Melkamuutti leenjisitoota akka Dr.Yilmaa Bertaa,Toleeraa Dinqaa,Sennaayit Hayilee fa waliin nama hedduutti achiin dhaqa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG