Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni gara Awurooppaatti Dheessan Haala Yaaddessaa Uuman


Jaarmayaan Baqattootaa ka Tokkummaa Mootummootaa, waggoota kurna tokko keessatti baqattoonni heddumminaan gara Awurooppaatti yaa’uu ilaalchisee ibsa baaseen, boyyoonni Awurooppaa gara laafinaa fi haqaan akka deebii kennan gaafatee jira. Kanneen irra hedduun isaanii Siiriyaa irraa ta’an godaantonni kuma dhibba lama ta’an, Awurooppaatti cehanii dahata siyaasaa gaafachuuf imala bala’amaatti seena, jedha, jaarmaayichi Addunyaa. Kana ilaalchisuudhaan ka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf gaaffii fi deebii kennan, abbaan-murtii Itiyoophiyaa duraanii, ogeessi seeraa fi falmaan mirga dhala-namaa, Obbo Tashaalee Abarraa biyyoonni gama Lixaa, waa’ee baqattoota biyyoota Giddu-galeessa Bahaa irraa itti yaa’an keessummeessuu irratti haala rakkisaa lama gidduutti ka danqamanii jiran ta’uu dubbatu.

Gama tokkoon, baqattoonni gara Awurooppaatti yaa’an kun ilaalchi isaan biyyoota gama Lixaa irratti qabanii fi karoorri isaan itti gara sanatti imalaniif mirkanaawaa miti. Kanneen biyyoota gana dhihaa irratti jibbinsa qaban, yokaan garee fiinxaaleyyii Islaamaa irraa ergaman keessa jiraachuu malan. Kanaaf, nageenya biyyoota kanaaf yaaddessaa dha.

Gam biraan immoo, rakkoo biyyoota gama Lixaa keessatti uumamee fi fiinxaaleyyii Islaamaa, akka ISIS faa, amma uumaman kana ka jalqaba hidhachiisee mootummoota biyyootaa irratti jabeesse Ameerikaa fi biyyota gama Lixaa akka Ingilizii fayi. Isaanuma ti ammo, deebi’ee diina biyyoota gama Lixaa ta’e. Wal-waraansa kana keessatti kan miidhame uummata fayyaalessa. Uummata jireenya isaa irraa buqqa’e kana qubachiisuu tu irraa eegama, jedhanii, biyoonni gama Lixaa kun kana lamaan gidduutti akka danqamanii jiran dubbatan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:51 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG