Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pope Fraansis Ameerikaa seenan, Prezidaan Obamaa waliin wal argan

Pope Fraansis guyyaa jalqabaa isaanii jechuun Roobii har'aa prezidaant Obaamaa waliin White House keessatti dabarsuuf jiru. Hooggantichi amantii Kaatolika Roomaa kun Ameerikaa ennaa seenanitti Prezidaant
Baraack Obaamaa, haadha warraa isaanii fi ijoollee isaaniin simataman.

Hidda dhalata Arjentiinaa kan ta'an Pope Fraansis hiyyummaatti duuluu, galiin namaa qixxee ta'uu mormuu, kaapitaalismii hammaa ba'aa fi jijjiirama qilleensaa balaaleffachuu isaaniin lammiiwwan Ameerikaa miliyoonaan laka'aman biratti ajaaibsiifannaa argataniiru.

Har'a White House irraa haasaa dhageessisuuf jiru, uummata miliyoonaan laka'amutu haasaa isaanii dhaggeeffachuuf jira.

This item is part of
XS
SM
MD
LG