Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Sudaan Kibbaa fi Mormitoonni lola dhaabinsa cabsite jechuun wal yakkuu jalqabn


Mootummaan Sudan fi mormitoonni isaa walii galtee lola dhaabinsaa dhaabbataa fi caasaa naga eegumsa mootummaa ce’umsaa mata duree jedhuun workshopin qophaa’e ba’ii utuu hin argamsiisin erga xumuramee booda wal yakkuu kan itti fufan.

Mormioonni keessumaa kan isaan himatan walii galteen sun qooda kabajamu irra darbamuu itti fufe jedhan. Dubbi himaa kan ta’an Dixon Gaat-Lwaak-Jog VOAf akka ibsanitti mootummaan tarkaanfii humnaa fudhachuu itti fufe

Amma utuma dubbataa jirruu illee mootummaan tarkaanfii haleellaa fudhataa jira. Mootummaan Juubaa Ekwaatooriyaa gama bahaa bakka qabiyyee keenya wudruubaa jedhamu keessatti haleellaa raawwataa jira.

Maariid keessattis walitti bu’iinsi hagi tokko jira. Mootummaan yeroo ammaa haleellaa raawwachuuf jecha Paajut kan jedhamu kutaa Joongilee keessatti waraana isaa gurmeessaa jira.

Gareen lamaan walii galtee nageenyaa kan Hagaya 26 erga mallatteessanii booda humnootiin ala agamas jiran achii ba’u jedhamee eegama. Kanneen keessaa kan mootummaa president Salva kiir deggeruuf gamasitti bobba’an loltoota Uganda ti.

Dubbi himaan mormitootaa haleellaan kunis loltoonni kun gamasii ba’uu waliin kan wal qabate jedhan. Kanaan qabatanii qabiyyee itti dabalaa to’annaa jala oolchuuf jedhan. Akkuma Kanaan mootummaan Akooboo, Trupajuttiin haleeluuf qophaa’aa jira. Kaleessa illee qabiyyee keenya haga tokko haleelee jechuun himatan. Halellaa kana ilaalchisees IGAD waliin ragaa wal jijjiirree jirra dhimma isaas quba qaba jedhan dubbi himaan kun. Himannaa mormitootaa kana ilaalchisee ammaaf gama mootummaan Sudaaniin yaadi dhiyaate hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG