Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasaa Abuunicha Kaatolika Roomaa Tokkummaa Mootummootaatti


Kan umuriin toorbaatamii-saddeetii - Hoogganichi Kaatolika Roomaa - Pope Fraansis, Har’a – magaalaa New Yoorkitti gumii walii-galaa ka Tokkummaa Mootummootaa duratti ennaa haasawa dhageessisan -- waa’ee qabeenyaa uumamaa nannoo akka malee itti gargaaramuu fi mancaasuu --- gama dinagdee fi hawaasummaa, deemsa lammiwwan uummata iyyeessaa moggaatti qooduu wajjiin wal-qabsisanii dubbatan. Haasaan isaanii Afaan Ispaanishii akkanatti afaan Ingiliziitti hiikame.

“Kanneen moggaatti qoodaman kun iummoo, sababaa akka biraatti dandeettii dhabsiifamaniif, yokaan sababaa odeeffannoo gahaa yokaan beekumsa tekinikaa hin qabneef, yokaan immoo tarkaanfii siyaasaa murteessaa fudhachuuf humna hin qabneef, daangaa guddinaa fi misooma dinagdee dhaa alatti gatamu” – jedhanii itti fufuudhaan, kanneen Galma Gumii Tokkummaa Mootummotoaa sana keessa fuul-dura isaanii ta’an - prezidaantota, muummee-ministarootaa biyyootaa fi kabajamtoota ka birootti dubbatan.

Gama dinagdee fi hawaasummaatiin moggaatti qooduun, bifa hawaasummaa dhala-namaa haaluu dha. Mirga dhala-namaa fi uumama naannoo irratti miidhaa geggeessuu dha” jedhan, Abuunichi Kaatolika Roomaa Pope Faansis.

Kana furuuf, hoogganoonni mootummoota biyyootaa akka tarkaanfii fudhatan ennaa gaafatanis akkana jedhan.

Itti-fuudhaanis, “kan jireenya dhala-namaa maraaf baay’ee barbaachisaa dha” jedhan, akka dhalli namaa kabajaan jiraatu, maatii uummtee gargaarratu kanneen barbaachisan, mala ittiin jireenya hafuuraa geggeeffatanii fi qabeenyaa jireenyaaf ga’u gumaachuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisan Pope Francis. Haasaan dheeraan isaan Tokkummaa Mootummootaatti dhageessisan sun, hamilee fi harka dhahinsa guddaadhaan simatame.

Haasawa isaanii Tokkummaa Mootummootaa tii booda, tajaajilli amantiilee adda addaa itti geggeessamu, bakka yaadannoo Waaltaa Daldala Addunyaa Fulbaana 11, bara 2001 haleellaa shororkeessotaan barbaadaweetti argamuun sirnichatti hirmaatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG