WASHINGTON DC —
Nigerian kutaa biyyattii kama dhiyaa bakka baatilee saddeetiif finxaaleyyii Boko Haramiin irratti fuuleffatame keessatti labsii yeroo hatattamaa dabarsuu ishee Reuters gabaasee jira.
Labsiin kun uggura sa’aa fi namoonni fi meeshaaleen akka soosone dhorka. Naannoo Diffa keessatti haleellaa dhiyeenya gandeenii fi magaalaalee daangaa Nigeria keessatti raawwateen siivilot 40 oltu dhuman.
Erga baatii Guraandhalaa as jiraattota Diffa irratti haleellaalee 57 tu raawwzatame. Humnootiin naga eegumsaas shakkamtoota shororkeessotaa kumaa fi dhibba tokko to’annaa ala oolchaniiru.