Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Kubbaa Miilaa Addunyaa Ijoollee Ganna 17 gadii(U-17)Chiileetti Itti Jiran


Nigeria vs Mexico U-17 2013
Nigeria vs Mexico U-17 2013

Dorgommii tana biyya 24 ardii jaha eessaa walti dhufee Chiile emagaalaa kjaha keessatti tapachati jira.

Haga ammaatti marroo 8 taphatanii goolii 18 gale.Afrikaa keessaa Naayjeriyaa, Maalii, Giinii fi Afrikaa Kibbaati dabre.

Dorgommii guyyaa dheengaddaa,Onkololeessa 17,2015 jalqaban tana irratti Naayjeriyaan USA 2-0 Meksiskoon Arjentiinaa 2-0, Ekuwaadoor Honduras 3-1 moote.Jermeniin Awustiraaliayaa 4-1 moote.

Hardha,Onkololeessa 19,2015 New Zeladni Faransaay,Siiriyaa fi Paraguaay,Afrikaa Kibbaatii fi Koostaarikaa,Kooriya Kaabaatii fi Raashiyaatti taphata.

Dorgomi tana Onkololeessa 17-Sadaasaa 8, 2015 tapahtan.Sunederlaandi Afrikaa keessatti humna jabeeffachaa deemuutti jirti.

Namii Afrikaa dorgommii EPL daawwatu yoo hedduu kilaboota Arsenaal, Manchester United,Liverpool fi Chelse jaalta.

Amma ammoo Sunderlaadnilleen jaalala Afrikaa argachuuf waan hedduun falachuutti jirti.

Kilabiin tun Taanzaaniyaan waliin taatee fulaa ijoolleen kahimaa kubbaa itti taphattu Taanzaaniyaatti banuuf qophi jirti.

Istadiyoomiin teessoo Daaresaalamitti ijaaramuuf deemu kun ijoollee kahimaa Taanzaaniyaa qofaa mitii ta naannoo isii hedduulleen hin gargaara.

Fulaan bashannanaa fi ispoortii tun maqaa perezdaantii Tanzaaniyaa Jakaya Mrisho Kikwete,JMK jedhani baasan.

Sudnerlanda maqaa ufii kana biyya akka Gaanaa,Zambiyaa, Afrikaa Kibbaatii fi Tanzaaniyaa keessatti leenjsitoota kubbaa miilaa leenjsiaa wayaa maqaa kilabii isaanii qabdu gugurgan.

Taphattoota kubbaa miilaa bebeekamoo Afrikaa akka Asamoah Gyan, John Mensah, Sulley Muntari of Benjani Mwaruwari, Patrick Mboma,El Hadji Diouf fa naqachiifanii ufi beessisan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG