Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artist Saaliyaa Saamii Oromoo Raayaa Keessatti Waan Ajaa’ibaa Arge, Jeetti


Wallistuu beekamtuun, Saaliyaa bakka jiraattu, Kanadaa irraa gara biyyaatti deemtee, viidiyoo sirbaa fi fiilmii seena-galmeessaa, kan amma bulchiisa naannoo Tigiraay keessa jiru, Oromoo Raayaa keessatti hojjechuu ishee dubbatti. Saaliyaan Oromoo Raayyaa keessa deemtee waliin sirbuu fi viidiyoo sirbaa qopheessuun kan ammaa kun ka jalqabaa akka hin ta’iin dubbbatti. Ammaan dura ennaa wallisaa Kadiir Martuu waliin gar sana deemanii sirba qopheessan illee maanguddoota haasofsiistee viidiyoo isaa kan harkaa qabdu ta’uu ka buuf ibsite, Saaliyaan “Oromoo Raayyaa keessaa kan afaan Oromoo qajeelchee dubbatu, nama umuriin soddomii shanii olii qofa. Ijoolleen afaanicha dhabaa jiran ,” jechuudhaan gadda ishee dubbatti. Garuu, maqaa lafaa dhageessu heddumminaan maqaa Oromoo ti, jetti.

Fiilmii seena-galeemeessaa amma waraabde kana keessa, aadaa akka buna-qala faa fi seenaa ajaa’ibsiisaa jaarsota Raayyaa Umurii dheeraa qabaniin isheef ibsame kan qabdu ta’uu nuuf ibsite. Gama biraatiin immoo, artistoota dubartoota Oromoo jajjabeessuu fi hojiiwwan muuziqaa fi filmii ishee eebbisuutti ka fuuleffate qophii guddaa “Haadha Siiqqee” jedhame tokko magaalaa Finfinnee keessatti qopheessaa jirti, Saalihaan.

Qophii kana irratti hojiiwwan ishee eebbisuu qofa otuu hin taane, artistoota dubartoota carraa beekamuu fi hojii isaanii agarsiisuu hin argatiin beeksiisuun, akkasumas, artistoota dubartoota Oromoo angafa akka Halloo Daawwii fi Haayyoo Guddattuu fayiif kabajaa barbaachisu kennuun akka keessa jiru illee nuuf ibsite. Qophiin agarsiisa artii adda addaa kun, akka lakkoobsa Itiiyoophiyaatti Onkoloolessa 20, bara 2008 Galma Finfinnee, ka Yuniviarsitii Finfinnee “Siddist” Kiiloo fuullee jiru keessatti geggeessama jira, jetti Saalihaa Saamii.

Guutummaa gaaffii fi deebii Saalihaa waliin geggeessinee fi wallee ishee dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:06 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG