Abbaan Liiban(Dabbasaa Guyyoo) Eezhiyaa, Amerikaa, Awurooppaa fi biyya akka akkaa irra maree Argaa-Dhageettii, seenaa fi Gadaa barsiisuun beekama.
Naayroobii keessaa mana barumsa aadaa fi seenaa itti barsiisan qaba.Abbaan Liiban jaarsa ganna 63.Taltallee, Yaaballotti guddatee ganna achii bahee Keenyaatti gale.
Ganna 35 caalaa Naayroobii jiraate achumatti ijoolleellee hore.Abbaa ijoollee jahaati.
Fulbaan 27,2015 Irreechaa 2015 Naayroobiitti qopheessan irra oolee galee manaa bahee achumaan dhaban jedhan.Du’aa fi jireennalleen barbaadii ittuma jira.
Nama hedduutti jaarsa kana marsaa inteneetii akka akkaa fb fi waan hedduu irratti jaarsa kana walaloo fi barreeffamaan waan hedduu jechuuniitti jira.
Mootii,(Takkaa_Dhiira Keessaa) akkana jettee Yuniversitii Hebriwu, Jerusaalem Israahel irraa aabbaa Dabbasaa walaloon faarsite.
Abbaan Liiban
Abbaa warraati
Abbaa karraati
Abbaa gosaati
Abbaa golaati
Abbaa lammiiti
Abbaa Darmiiti.
Mullata akka gaaraa
Barsiisa akka haadhaa
Wa beeka akka raagaa
Argee dhageessisaa
Dhagahee barsiisaa.
Aadaa fi Gadaa tenna
Amerikaa,Eezhiyaa
Awurooppaa irraan martee
Addunyaa waliin geette.
Aabba Abbaa Liiban
Galata gosaa qabdaa
Fagootti wa laalte
Duruu qaroo dhalatee
Eegree teenna agartee.
Diqqaa guddaatti sirraa baratee
Namuu ufii fi waan ufii beekee
Hubatee mamaa baafate.
Aabba Abbaan Liiban
Jaarsa Argaa-Dhageetii
Hardha guyyaan kankeetii.
Jabeenna dhiiraa
Wa sadiin beekan.
Abbaan Liban
Abbaa dheedaati
Abbaa reeraati
Janna guyyyaa lolaati
Qaroo guyyaa koraati
Tolaa guyyaa dhiphuuti.
Dabeessaan maluu didee
Daalleen malachuu didee.
Aabba Dabbasaa
Yoo jiraate si arganna
Yoo dhamnelle hin sabrinaa
Hujii teetiin si faarsinaa
Dhaloota dhufutti dabarsinaa.
Qaroomaa,eennummaa fi faaya Gadaa teenna
Dabballee,Gammee,Raabaa fi Gadaa taatee
Ganna 63 keessatti addunyaa barsiifte
Kuma hedduun dammassite
Ilmaa_Intala gudeedaatti dabarsite.
Namuu hujii teetiin si faarsaa
Maqaa jabaa jabeessaa
Aadaa fi seenaa innii jalqabe
Gabbisaa lachiisaa.
Mootii,(Takkaa_Dhiiraa Keessaa)
Hebrew university, Jerusalem, Israel