Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Kan Nageenya Didee Humna Waraanaa fi Qawwee Filate Motummaa dha’ Jedhu Hayyu-dureen ABO


Obbo Daawud Ibsaa
Obbo Daawud Ibsaa

Muummichi-ministaraa Itiiyoophiyaa Obbo Hayile-maariyaam Dessaaleyi, Wixata, Onkoloolessa 27 Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaatti gaaffiilee miseensota irraa dhihaataniif dhaabota mormitootaa “humnaan mootummaa gargalchuuf hojjetaa jiru” jedhan ilaalchisee ennaa dubbatan, “qabsoo hidhannootiin mootummaa garagalchuu yaaluun, waan faayidaa qabu miti” jechuun, gara karaa nagaatti deebi’an gaafachuun isaanii ni yaadatama. Dhaabota Obbo Haiyle Mariyaam maqaa dhahan keessaa tokko Adda Bilisummaa Oromoo yoo tahu, dhaabonni akkanaa qabsoo uummatni fi mootummaan waliin geggeesseen dadhabsiifamanii jiran.

Kanaaf ka deebii kennan Hayyu-dureen Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaa, “dhaabni keenyaa fi dhaabonni mormitootaa qabsoo hidhannoo geggeessan ka biroon, kanneen waggaa digdamii shan dura ennaa paartiin Itiyoophiyaa amma taayitaa dhuunfatee jiru gara aangootti dhufu mootummaa cehumsaatti waliin hirmaachuudhaan, fala karaa nagaa barbaachaa turan. Garuu, mootummichi karaa nagaa itti cufuudhaan waraanaa fi qawweedhaan waan itti bobba’eef jecha, qabsoo hidhannootti deebi’uuf dirqaman,” jedhan. Mariin nageenyaa dhugaan gareelee Itiyoophiyaa keessaa mara hirmaachisee fi mirga uummatootaa wal-qixa eegsisuutti fuuleffate ka geggeessamu taanaan dhaabni isaanii akka filannoo duraatti kan qooda fudhatu ta’uu dubbatan.

“Ka dhiheenya kana dhaabota ka biroo afur waliin hundeessine Tumsi Uummatoota ka Bilisummaa fi Dimookiraasiif jedhames, waamicha nagaa dhiheessee jira. Mootummaan kana ifatti simachuu qaba” jedhu.

Addi Bilisummaa Oromoo, Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogandenii fi dhaabonni hidhannoon mooutmmaa gargalchuuf hojjetan dadhabsiifaman, jechuun ka Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa dubbatanis, “dhugaa haaluun amala aangawoota mootummaa Itidyoophiyaa ti” jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:53 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG