Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorattoonni dhimma mirga namaa Ertraa keessaa gabaasa dhiyeessan


Shiellaa
Shiellaa

Roobii darbe tokkummaan mootummootaa qabiyyee mirga namaa Ertraa keessaa ilaalchisuun gabaasa tokko dhaggeeffatee jira. Gabaasa sana ilaalchisuu dhaanis tokkummaa mootummootaatti ambaasaadderri Ertraa obbo Girmaa Asmeroom deebii kennaniiru.

kabajamoo presidentii fi kabajamoo keessummootaa jechuun kan jalqaban golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa Adoolessa bara 2015 itti gaafatama isaanii kan haaresseef gabaastuun addaa haasaa isaanii ennaa jalqaban.

Erga Sanaa qabee komiishina qorannaa dhimma Ertraa keessatti bakki isaanii dura teessummaa akkuma eegametti jiraachuu ibsanii gabaasi koo kun jedhan yaaddoo ijoo ta’an keessaa baatii waxabajjii bara 2015 qabxiilee ani gumii walii galaaf dhiyeesse keessatti haammatameera jedhan.

Kanneen kunis walabummaa dinagdee, aadaa fi hawaasummaa seeraan ala namoota deddeebisuu fi ji’a ji’aan dhimma daa’imman kuma shan ta’an waliin biyyaa ba’anii ilaallata ka jedhan Shiilaa keeteruut dursanii garuu mootummaan Ertraa fooyyesse kan ittiin jedhan adeemsa seeraa fi sirna murtii haqaa tuqaniiru. Akkasumas dhimma mirga dubartootaa fi ijoollee irratti Ertraan hirmaachuun kan isee galateeffachiisu ta’uu illee hin dhoksine.

Garuu Ertraan dhimma hidhaa irratti dararaa jiruu gama ilaaleen Onkoloolessa 24 gabaasa dhiyeessuun irra ture waan hin dhiyeessineef sana akka dhiyeessitun jajjabeessa jedhan Ms kitaruuth.

Haa ta’u malee Ms Kiraaruuth hojii qorannaa geggeessaniif Ertraa biraa deggersa hagamii attamii argataniiru.

Kabajamoo presidentii fi akkasumas kabajamoo hanga har’aatti Ertraa seenuun kan naaf hin eeyamamne ta’uu ennaan ibsu gaddatu natti dhaga’ama. Iyyati koo inni dhumaa kan gale Hagaya 18 ennaa ta’u hanga yoonaa deebiin naa hin kennamne.

Mootummoonni Beeljium, Fiinlaand, Netherland fi Briteen waggaa kana eeyama biyya isaanii seenuu waan naa kennaniif nan galateeffadha.

Ertraa seenuu dhabuu kootiin rakkoo itti gaafatama koo ba’uu dadhabuu koo naa salphisee jira. Biyyoota kana keessa kanneen jiran waaltaalee manneen barnootaa fi koolu galtootaa dahta barbaadan waliin wal argee waa’ii dhiitamiinsa mirga namaa Ertraa keessaa hubachuu danda’eera jedhan.

Qorattuun addaa Ketaaruuth duraan kan ibsan waa’ee mirga daa’immanii gabaasa isaanii kana keessatti tuquu dhaan achuma Ertraa keessatti waggoota lama dura seenaa ijoollee iggitamanii kaasaniiru.

Bara 2013 keessa Ertraa keessaa ukkaamsamanii bakka gammoojjii ilmoon namaa keessatti keessatti ugguraman keessa bakka itti walitti qabaman tokkotti kan geessaman ijoollee dhiiraa umuriin waggaa 12 fi 14 odeeffannoon na ga’e.

Ragaan ittin mirkaneeffadhu waan ani hin qabaanneef odeeffannoo kan itti hin gargaaramne. Gabaasa koo kan qorannaa mirga namaa keessas hin galchine.

Haa ta’u malee duraan waggaa kana bakkuma ilmoon namaa keessatti iggitamu kana keessa kan turan ijoolleen dhiiraa kun lamaan namoota seeraan ala nama deddeebisaniin butamanii maatiin isaanii gad dhiisisuuf maallaqa akka baasan eegaa akka turan kan beeku namni tokko deebii qabatamaa naaf kenne.

Himannaan kun kan mul’isu dhiittaan mirga namaa achuma Ertraa keessatti itti fufuu isaa ti jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG