Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Ivoorii Koost Hiyyummaa biyyattii walakkaan gad xiqqeessuuf yaaliin godha jedhan


Prizidaant Alaasaan Wataaraa
Prizidaant Alaasaan Wataaraa

Prezidaantin Ivory Coast filannoo Alaasaan Wattaaraa biyyoolessaa biyyattii sagalee dhibba irraa harka saddeettamii sadii argachuu dhaan marsaa lammataaf injifachuu isaanii xumura torban darbe beeksisanii jiran.

Yeroo aangoo iraanii isa itti aanu keessa Alaassaan Wattaaraa hiyyummaa biyyattii walakkaa dhaan gad xiqqeessuu akkasumas nageenyi guutuu biyyaa akka buufatu gochuuf kan tattaafatan ta'uu beeksisan.

Akka lakkoobsa Itiyoopiyaa bara 2003 Ivory Coast keessatti filannoo geggeessameen walitti bu'iinsi uumamee namoonni kuma sadiitti hedaman du'uun isaanii ni yaadatama. Filannoo torban darbe geggeessame garuu nagaan xumuramuun isaa ibsamee jira.

Momirtuun isaanii polotiikaa Paaskaal Affii Nguusaan(Pascal Affi N'Guessan) biyyattiin rakkoo yeroo filannoo darbe mudate keessaa ba'uuf tattaaffii gootuun adda addummaa uummaticha gidduu jiru hin furtu taanaan gara fuula duraatti rakkoon uumamuu akka malu ibsaniiru.

Alassan Wattaaraa adeemsa filannoo sanaa ennaa ibsan filannoon sun hedduu gaarii ture. Ifa, amanamaa fi adeemsi dimokraasii kan keessatti mul'ate waan tureef haala gaarii dhaan xumurame. Filannoon kana dura geggeessam jeeqamaan guutuu waan tureef ba'ii filannoo isa miilanaa irraa fooya'iinsa hedduu eegeen ture jedhan.

Itti aansuu dhaanis biyya koof heerri haaraan utuu ba'ee natti tola. Jireenya uummatichaa fooyyessuu akkasumas dargaggooraaf carraa hojii banuun baay'ee barbaachisaa dha. Biyyattii keessatti nageeyniif dimokraasiin akka diriiru nan yaala.

Manni murtii mootummaan Ivory Coast ba'ii filannoo sanaa qoratee eenyu akka injifate ifa taasisa. Manni maree bakka bu'oota uummataas prezidaant Wattaaraa hirbuu seensisiee waggoota itti aanan shananiif biyyattii akka bulchaniif eeyama seeraa kan kennuuf ta'a.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG