Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Raashiyaa Masrii Keessatti kufe


Caccabaa xayyaara Raashiya kan Masrii keessatti kufe
Caccabaa xayyaara Raashiya kan Masrii keessatti kufe

Xayyaara Imaltootaa Raashiyaa kan nama 224 fe’ee masrii keessatti kufee hunduu dhuman sanaaf Raashiyaan rakkoo Teknikaa fi digoggora dhala namaa miti jechuu dhaan beeksiiftee jirti.

Xayyaarri kun samii keessatti akka caccabuu kan godhu rakkoon Tekniikaa hin jiruu jechuun itti aanaa Daayreekteerri daandii balalii xayyaaraa Alexander Smirnov har’a dubbatanii jiru.

Xayyaarri kun balalii’aa lafa hin dhoofne in kufee malee jechuun tuuta oduuf Mooskoo keessatti kan ibsan yoo ta’u hojjatonni xayyaaricha keessa turan to’annaa isaaniin ala waan ta’eef balaa isaan mudatee kan ilaaleen qunnamtii gochuu ykn haala qunname gabaasuuf al tokko iyyuu hin yaalle jedhan.

Smirnoov akka jedhantti kaampaaniin xayyaara Raashiyaa "metro jet" balaa guddaa isa mudate Kanaan hojii balaii itti fufuu hin danda’u.

Kufaatii xayyaara kanaa kan ilaaleen wanni ibsamuu danda’uu tokko xayyaara sanaan ala tarkaanfii fudhameetu kuffise.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG