Aartiin Oromoo yeroo ammaa gama adda addaan guddataa jira. Kitaabonni barreeffaman, fiilmiiwwanis akkasuma waltajjii adda addaa irratti mul'achuu dhaan gama diraamaa fi baacootiin daandii guddinaa waan qabate fakkaata.
Oguma kana irratti kanneen bobba'an yeroo hedduu rakkooleen isaan quunnamuu yeroo garaa garaatti dubbataa jiran. kitaabota barreessanii waan ittiin maxxansiisan dhabuu, gurguruuf haalli mijataan dhabamuu, uummatichi bitee dubbisuuf aadaan isaa babal'achuu dhabuu fi kkf ennaa ibsan dhaga'amu. Toora fiilmiitiinis akkasuma fiilmiiwwan Afaan Oromoon qophaa'an hedduu ta'anis uummati fiilmii Afaanichaan ba'an daawwachuu waan hin amaleeffataniif kasaaraaf saaxilamuu fi hamileen isaanii illee tuqamuu nu waliin kanneen dubbatan aartii irratti kanneen bobba'an kana dura nuuf ibsaniiru.
Toora aartii kan afaan ingliffaan "comedy" ykn qoosaa jedhamuun erga dhiyoo as beekamaa kan jiran dargaggoo Buzualem Asaffaa fi Takkaaliny Tasfaa keessummaa keenya godhannee jirra.