Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummati Miliyoona Kudhan ta'u Biyya Dhablee dha


Dhaabi baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa (UNHCR) biyya dhablummaa xumuraan ga'uuf waggaa tokko dura kan jalqabame duulli waggoota kudhanii hagas ba'ii ga'aa hin argamsiisne jedhee jira. .

Uummati miliyoona kudhanitti hedamu biyya isa kam keessatti iyyuu lammii kan hin taane dha. Biyya dhablee waan ta'aniif jecha ragaa dhalootaa fi galmee eenyummaa isaanii beeksisu waan hin qabaanneef kana irraa bu'aa argamu hin argatan. Tokkummaan Mootummootaa akka jedhutti yeroo ammaa daqiiqaa kudhaan kudhaniin daa'ima biyya dhableetu dhalata.

Tokkummaa mootummootaatti komiishinerri mirga dhala namaa gameessi Voolker Terk VOAf akka ibsanitti daa'immi biyya dhableen abjuu isaa utuu hin dhugoomsin waan ta'uu fedhu utuu galmaan hin ga'in abdii dhabiinsa keessatti guddata. Biyya dhablummaan hamilee namaa akkaan kan miidhu ta'uu isaaf eenyummaa isaatti illee akka ofitti amantaa hin qabaanne godha jedhaniiru.

Ofii isaanii kanneen biyya qaban waliin waan madaalaniif sodaa eenyummaa ofii dhabuu kan isaan biraa hin hafne keessatti liqimsamu jedhan Voolker Terk. Bifaan kan na fakkaatu tajaajila barnootaa, kan eegumsa fayyaa rakkoo tokko malee argata. Anoo maaliifan dhabe? kan koo maaliif adda ta'e jedhanii yaadu.

Dhaabi baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa akka jedhetti ijoolleen biyya dhablee ta'an loogii fi dararaa akkasumas humni isaanii ni saamama. Biyya dhablummaan ardii mara keessa jira. Namoonni biyya dhablee kan ta'aniif fakkeenyaaf akka Tokkummaa Sooviyeet duraanii keessa ture biyyi tokko ture yeroo addaan bittinnaa'u ykn immoo akka Sudaan Kibbaa biyyi haarawaan ennaa uumamu.

Loogiin saalaas biyya dhablummaaf nama saaxila. Sababiin isaas biyyoonni hedduun lammummaa haadhaa mucaatti waan hin dabarsineef jecha. komiishiner Volker Terk biyya dhablummaa ittisuun ni danda'ama jedhu. kana dura Koot Divuwaar keessa rakkoo biyya dhablummaatu ture. Garuu biyyattiin seera lammummaa biyyoolessaa ennaa baaftu rakkoon kun ni hiikame.

Biyyi tokko fedhii siyaasaa fi fedhii dhugaa yoo qabaate biyya sana keessaa namoota yeroo dheeraaf lammummaa utuu hin argatin turaniif eeyama lammummaa kennuun rakko sana furuu danda'a jedhan. Dhaabi baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa (UNHCR) biyya isa kam keessatti iyyuu ijoolleen ennaa dhalatan akka galmeeffaman, harmooliinis lammummaa isaanii ijoolleetti akka dabarsan sanyii, gosaa fi amantii ijoolleen lammummmaan akka irraa hin mulqamne biyyoota addunyaa ni gaafata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG