Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Masrii keessatti Kufe sababaa ISIS akka hin ta'en ibsame


Xayyaarri Raashiyaa Masrii keessatti kufee caccabe sababaa ISISn jechuun kan gareen finxaaleyyii sun dubbate olola jechuu dhaan hoogganaan Masrii Abdul Fattaa El Sisi kibxata darbe beeksisan. Itti dabaluu dhaanis ilaalcha Masrii gaarii ta'eef sabatiinsa isheen qabdu cilee dibuuf kan karoofame jedhan.

Kana dura Xayyaarri sun rakkoo Teekinikaa akka hin qabaatiin gabaasuun keenya ni yaadatama. Direkterri balalii Mr. Smirnoov xayyaarichi balal'iaa utuu hin taane utuu kufaa jiruu argame jedhanii turan.

Balaan Saainaay keessatti dhaqqabe to'annaa guutuu kan Masrii jala jira jedhanii jiran. Qorattoonni Masrii keessa jiran Sanbata darbe kan kufee caccabaa xayyaara Raashiyaa Metro Jet 321 qorataa jiran. Maatiwwan Raashiyaas reeffa namoota 140 argachuu isaanii beekameera. Associated Press akka gabaasetti reeffi namoota 10 ka duraa adda baafameera.

Xayyaarri namoota 224 baatee Masrii dhaa ka'ee daqiiqaa 20 keessatti kufee ennaa caccabu imaltoonni irra turan martinuu du'uun beekamee jira. kanneen keessaa torba hojjettoota xayyaarattii ennaa ta'an lammiiwwan Ukraine sadiis keessa turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG