Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bootswaanaan taphattoota kubbaa miillaa lammiiwwan Ertraaf dadhata siyaasaa kennite akka eegdetti jirti


Taphattoota kubbaa miillaa lammiiwwan Ertraa
Taphattoota kubbaa miillaa lammiiwwan Ertraa

Dorgommii Kubbaa miillaa addunyaa irratti hirmaachuuf dhiyeenya gara Bootswaanaatti imalanii kan turan taphattoonni kubbaa miillaa Ertraa kudhan dadhata siyaasaa isaan gaafatan mootummaan Bootswaanaa eyameefii kan ture ta'uun ni yaadatama.

Taphattoonni kun akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti Onkoloolessa lama bara 2008 garee Bootswaanaa waliin erga taphatanii booda xayyaara gara biyya isaaniitti geessu yaabuu diduu dhaan dahata siyaasaa gaafatan.

Abukaatoon isaanii lammii Bootswaanaa Diik Biifoordiin fi qabsaa'ota mirgaa lammiiwwan Eertraa lama Iyyaasuu Andemaariyaam Habtemaariyaam fi Dr. Adaanee G/Masqal waahillil keenya Saaleem Solomonhaasofsiistee jirti. Lammiiwwan Ertraa sun Afriikaa kibbaatti kan argamu dhaaba sochii dimokraasii fi mirga namaa Ertraa bakka bu'uu dhaan Afriikaa kibbaa fi Bootswaanaa keessa taa'uu dhaan taphattoota kanaaf falmuuf jiru.

Kaleessa gaazexaan Bootswaanaa mootummaan yaada isaa jijjiire jechuun gabaasee ture. Garuu gabaasi sun dogoggora jechuun gareen mirgaaf falmu irraa kanneen taphattoota kanaaf falman dubbataniiru. Gaazexeessaa Afriikaa kibbaa "Africa Review" jedhamu waliin gaaffii fi deebiin geggeessames irratti ragaan sirrii hin taane attamiin akka darbe gaafataniiru.

Abukaatoon taphattoota kanaa akka jedhanitti duraan mana hidhaatti geessaman. Manni hidhaa sun bakka yakkamtoonni keessatti eegamaniif shiboo elektrikiin kan marfame ennaa ta'u sa'aatilee 24 kaameeraa dhaan eegama. kan isaan yeroo ammaa keessa jiraatan garuu mooraa baqattootaa kan fakkaatu bakka Dukwi jedhamu yoo ta'u eegumsas qaba jedhan.
Taphattoonni kun gara biyya sadaffaatti akka darbaniif yaalii godhamaa kan jiru ta'uu abukaatoon isaanii ibsaniiru. Ministerichi murtii haqaa fi naga eegumsa Bootswaanaas iyyata sana kan simatan ta'uu sabaa himaaf mirkaneessaniiru.





Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG