Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namii mogolee dhedheeraa yoosuu fiigee hin haruu,hin dadhabullee!?


Maratoonii NY Amerikaa,Sadaasaa 2,2014.Namii asi aanuu Wilson Kipsang atileeti Keneyaati
Maratoonii NY Amerikaa,Sadaasaa 2,2014.Namii asi aanuu Wilson Kipsang atileeti Keneyaati
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:58 0:00
Xurree marsariitii

Dorgommii Waldorgommii atileeota Addunyaa 15essoo barana Beejingitti dorgoman Keenyaatti madaaliyaa 16 argatee tokkeessoo tahe.

Shaampiyoonaa atileetiksii dargaggoota addunyaa baranaallee Keenyaatti madaaliyaa hedduu argatee dura jira.

Keenyaan dorgommii Raagbiilleen Afrikaa keessaa qofaa mitii addunyaa keessaayyuu guddoo beekamti.

Atileetotii addunyaa bebeekamoon Afrikaa gama Bahaatii dhufan. Afrikaa gamii bahaa naannoo Rift Valley keessa jirti.

Rifta Valley badhaqa lafaa km 6000 dhiyaatu dheerattu.Jiddu Gala- Bahaa badhaqa Lebanon Beqaa Valley haga haga Mozaambiki dheeratti.

Atileetotii addunyaa heddduun asii bahan.Achi keessa(Rift Valley) maanti jira? Warra akkana fiigichaan addunyaa moohu maanti humna kennaaf;nyaataa dhugaati moo teessuma lafa moo jabeennauma isaaniitii, moo dhedheerinna mogolee isaanii?Moo sablinna nafa isaanii,saayinsiin maan jedha?

Itoophiyaa namii akkana fiigichaan addunyaa moo'u Oromiyaa dhufan, Oromoo. Keeniyaa keessaa ammoo gosa Kaleenjin.Kalenjiinii ummata Keenyaa miliyoona 3-5 tahu.

Keenyaan maanti akkana dorgommii addunyaa moohachiisa?Dr.Hassan Waariyoo Areeroo ministera ispoortii,aadaa fi aarti Keenyaati.

Dr.Waariyoo Areroo,ministera aadaa,ispoortii fi aartii Keeniyaa
Dr.Waariyoo Areroo,ministera aadaa,ispoortii fi aartii Keeniyaa

Wannii nu hin beenne "ka Keenyaa atileetiksi moohachiisa jennaan."

“Waaqatti nu gargaaree,Keenyaan duruu jabduu,barii kun keennaa,(talent) jabeennii keennalleen keessa jiraa,[mootummaalleen) waan hedduu midhaasseef.”

Kalenjiinii akka jecha Dr.Hassaniitti warra looniitii,warra mogolee dhedheeraa, kama woma laftii qabdu nyaatu.

“Laftii warraalleen tama Oromoo fakkaatti, warra oobruu gugurdoo qabuu,warra looniiti,warra qaqallaa, sasablaa,lafa gara gaaraa gula qubata.”

Federeshiiniin Atileetiksii Itoophiyaa warra dorgommii Beejingi 15eessoo dhaqe 57 qarshii kuma 614 fi 500 badhaase.

Akka itti gaafatamaan biiroo atileetiksii federeshiinii biyyoolessaa obboo Bililinyi Maqayyooo nutti himetti Ganzabee Dibaabaa qarshii 37,500,Maaree Dibaabaatii fi Almaaz Ayyaanaa qarshii 25 argatan.

Warrii Meetii argate hedduu nama tokkoo qarshii kuma 18 500,warri Nehaas argateef nama tokkoo qarshii 12 fi 500 warra waraqata ragaa argate ammoo qarshii 6,250 warra dhaqee womaa dhabee gale 3000 badhaasan.

Itoophiyaan dorgommii sun irratti warqii sadii,Meetii sadi Nehaasi 2 fi walumattuu madaliyaa 8 addunyaa keessaa shaneessoo taate.Keenyaan ammoo madaaiyaa 16 argattee tokkeessoo taate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG