Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Dabbasaa Guyyoo eessa buuteen isaanii akka qoratamu gaafatame


Abbaa Liiban Guyyoo Dabbasaa
Abbaa Liiban Guyyoo Dabbasaa

Eessa buuteen hoogganaa hawaasa Oromoo kan Dabbasaa Guyyoo Saffaro dhabamuu ilaalchisuu dhaan Qaamni mirga namaa ol aanaan Afrikaa tokko mootummaan keeniya akka qoratu gaafate jechuu dhaan gaazexaan Kenya Daily Nation jedhamu gabaasee jira.

Komiishinni miga namaa Afriikaa fi mirga uummattootaa /ACHPR/ jedhamu kun ajjeechaa abukaatoo seeraa Peter Wanyama Wanyonyi irratti raawwate ilaalchisees mootummaaf gaaffii dhiyeessee jira.

Akka komishinerri garee kanaa Maya Sahli Fadel jedhanitti erga Fulbaana 27 qabee achi buuteen dhabamee jira. Maatiin isaanii mootummaan tarii bakka isaan jiran quba qabu jechaa jiran.

Kana dararaa siyaasaa jalaa bara 1970moota keessa gara Ityoopiyaa irraa Kenyatti godaanan baqataan kun miseensota maatii isaanii haga tokko waliin konyaa Machakos Mlolongo keessa jiraataa turan jedhan komishinierttiin kun.

Mootummaanis yeroo adda addaatti hoogganaa hawaasa oromoo kan shorokaa oofu jechuun hjimataa ture.

Dabbasaa Guyyoo jarmayaa baqattootaa kan tokkummaa mootummootaan galmeeffamanii jiran yoo ta’u ennaa dhabamanitti waraqaa eenyummaa Kenya keessa jiraachuu isaanii haareffachuuf yaalaa turan. Maatiin isaaniis UNHCR barbaacha isaanii akka gargaaru gaafataa jiran jechuu dhaan gaaxexaan keeniya" Daily Nation" jedhamu gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG