Xurree ittiin seenan

Breaking News

EL NINOn Itiyoopiyaa keessatti akka mudatu waggaa tokko dura barame jedhu hayyoonni


Mudannoon El NINO hongeen Itiyoopiyaa keessatti dhaqqabsiise waggaa tokko dura kan barame ta’uun ibsamee jira.

El NINOn jijjiirama qilleensa addunyaa waliin walitti dhufeenya inni qabu ifaa ta’uu baatus haala jiru akka hammeessu tuqamee jira.

Waggoota 80n itti aanan keessa jijjiramni qilleensaa Itiyoopiyaa keessatti dhibbaa inni fidu maal akka fakkaatu qorannaan Akaadaamii Saaynisii Itiyoopiyaa mul’isee jira.

Itti gaafatamaan akaadaamii Saayinsii Itiyoopiyaa profeesor Maasreshaa Fexxenee har’a VOAf akka ibsanitti mudannoon EL NINO Itiyoopiyaa keessatti hongee dhaqqabsiisuun isaa kan beekame waggaa tokko dura.

Profesor Maasresshaan mudannoon kun hawaasa Saayinsii ykn saaynsii dhaan hagam akka beekamu illee ibsaniiru. walumaa gala jijjiirama qilleensa walii galaa fi EL NINO maaltu walitti fida isa jedhuuf deebii kennaniiru.

Haalli ittiin wal fakkaatan xiqqoon waan jiru natti fakkaata. Haa ta’ malee mudannoon EL NINO kun mudannoo addaa ti. Sababaan ka’umsa isaas kana jedhamee waanti beekamu hin jiru. Akkuma beekamu galaana pasifik irraa humni qilleensaa baha irraa gama dhiyaatti bubbisu akkuma gad xiqqaataa dhufeen bishaan ho’aan gara bahaatti ennaa kuusamu mudannoo kun dhaqqaba.

Yeroo yerootti kan mudatu yoo ta’u yoom akka inni mudatu garuu sirriitti himuun rakkisaa dha.

Yeroo jalqabu garuu ni beekama. Dhiibbaan EL NINO waggaa darbe naannoo baatii Sadaasaa dhufuu akka danda’u mallattoo agarsiisee ture. Hagam akka ta’ee fi yoom akka jalqabamu garuu baruun hin danda’amu. Hongeen amma mul’atu dhiibbaa EL NINO ti jedhan

Akaadaamiin Saayinsii Itiyoopiyaa waaltaa Panel jijjiirama haala qilleensaa kan jedhu hundeessuu dhaan waggaa tokkoo fi walakkaa dhaaf hojjetaa tureera. Waaltaan kun jijjiiamni haala qilleensaa miidhaa inni Itiyoopiyaa keessatti dhaqqabsiisu gama damee adda addaan qorachuu dhaan mala furmaata ittiin jedhe bifa gabaasaan dhiyeessuu dha.

Gabaasa EL NINO ilaalchisee dhiyaate caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:58 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG