Xurree ittiin seenan

Breaking News

Neymaar,Meesii fi Ronaaldoon badhaasa Ballon d’Or moo'uuf dorgomuutti jiranii, eennutti moo’uu male?


Neymaarii fi Meesii
Neymaarii fi Meesii
Tana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:35 0:00
Xurree marsariitii

Ballon Dior, badhaasa nama dorgommii kubbaa miilaa addunyaa irratti beekamuu kennamu. Ronaaldoo fi Meesiin tana waliin ganna 8 waluma gula irratti wal dorgoman.Ronaaldoon ganna lamaan dabraniiyyuu taphata kubbaa miilaa tokkeessoo jedhame.Suniin duratti ammoo Meessiitti ganna afuri filame.

Spain Soccer La Liga
Spain Soccer La Liga

​Abbaa moohate Ammajii 11,2016 Siwizerlaadni magaalaa Zuurik keessatti labsuuf deeman.

CECAFA:Dorgommii CACAFA biyyootii Afrikaa Gama Jidduutii fi Gama Bahaa waliin taphatan Finfinnee,Awaasaa fi Baahir Daaritti itti jiranii biyya 12 jalqabee amma jahatti walti hafe.

Itoophiyaa fi Taanzaaniyaan hardha taphatanii 1-1 dhumatee. Itoophuyaan waluamtai galatti qabxii afur argattee marsaa itti aanutti dabartee Taanzaaniyaan keesaa galte.Ugaandaan Malaawwii 2-0 mootee Maalaawiin keessaa galte.Suudan Kibbaatii fi Suudan,Riwaandaa fi Keenyaan Muddee 1, 2015 taphatan.

Nyaataa fi dhugaatiin atileetoti argachu malan maan fa?

Atileetota warra addunyaa dorgomiin moohuuf halkani fi guyyaallee leenjin nafa bubbutuchitu.

Akka Dr.Beenyaa Dhugaasaa Toroontoo Kanaadaa irraa nutti himetti: Nyaataa dhugaatii Pirootin, karbohaaydireti,Ayron (Iron) potaashiyeemi qabu fa. Nyaataa kana, foon,aanan,atara, baaqelaa,misira,boloqqee faatti humna kennaaf.

India Delhi
India Delhi

Danfii namaa hin kuraaha maan jennaan miniraalii akka potaashiyeemii fi Ayroon fa waan nafa keessaa bahuuf.

Waan danfaan bahe sun argachuuf nyaata akka potaashiyeemii fi Ayroonii argachuu malan jedha. Potaashiyeemii muzii fi kuduraa fi fuduraa akka akkaa irraa argatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG