Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Barattootaa Irratti Mootummaa fi Polisiin Oromiyaa Ibsa Kennan


Humnootii kufaatii siyaasaa keessa jiranii fi jaarmayoota shorookeessumaatti ramadamaniin Oloola sobaa oofameetu Oromiyaa keessatti jeeqama kakaase jechuun ibsii mootummaa naannoo Oromiyaa irraa kenname hubachisee jira.Ibsii kunis korpreshinii Broodkaastiing kan Itiyoophiyaatu Muddee 3 bara 2015 galgala Oduu dhageesisee irratti dubbifame.

Jeeqama godinaalee fi aanaalee murta’an keessatti uumamee kanaan dargaggonni 3 lubbuu ofii dhabuu komishinarri Komiishiina Polisii Oromiyaa Obbo Ibraahiim Hajjii tuuta oduuf ibsanii jiru.

Obbo Ibraahiim akka jedhanti Godina wallaggaa dhiyaa aanaa Gullisoo magaalaa baadiyyaa kan taate calliyaa yekkaa keessatti lubbuun dargaggoota lamaa darbuu isaa fi sadaffaan immoo Godina shawaa kibba dhiyaa aanaa Tolee keessatti du’u ibsan.

Polisiin namoota balleessaa ituu rawwatanii ifaa iafatti qabee ittiin jedhees to’annaa jala oolchuu isaa kan ibsamee yoo ta’u qaamonni kaayyoo siyaasaa dhokotaa ta’e fixaan baasuuf sosso’an gocha isaanii irraa akka of qusatan hubachisee jira.

Qaamoonni dhimmi kana dudda duuba jiran jedha ibsii mootummaan naannoo Oromiyaa baase kun jeeqama kana kakaasuuf ajandaan ittiin gargaaraman magaalaa Finfinnee fi Magaalaalee zonii addaa kan Oromiyaa jala jiran Maastar Plaaniin walitti dabaluuf deeemu kan jedhu akka ta’e ibsi kun hubachisee jira.

Magaalaalee Oromiyaa keessaa akkaataa hojii kan ammayyaa ta’een gaggeessuuf bulchiinsa naannoo Oromiyaan labsii magaalaaleef baafame magaalaalee Oromiyaa Federaalaaf kennuuf jedhu akkasumas lafa Oromiyaa Kutuuf jedhu jechuun oloola gonkumaa dhugaa irraa fagaate oofan jedhe ibsii kun.

Akkuma jedhamaa jiru Heeraa fi caasaa Federaalaa cabsuun lafa Oromiyaa dabarsanii Finfinneef kennuun akkasumas qonnaan bulaa jireenya isaa irraa buqqisuuf kaayyoon tokko iyyuu akka hin jirre ibsii ba’e hubachiise.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:11 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG