Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaa,Suudanii fi Masriin dhaabbilee hujii hidhaa abbayaa qorataniif filachuu irratti walii galan


Hidhaa Abbayaa
Hidhaa Abbayaa

Marii filannoo tana irratti ministeroota haajaa alaatii fi ministeroota bisaanii biyyoota suniitti Kaartuumitti waliti ti dhufee mari’ate.

Qorannoon teknikaa akka bulchootii Itoophiyaa jedhanitti dhuma Ammajjii dhuftu jalqabdi.

Qrannoon jari kun irratti walii gale gugurdoon haroon hujii hadhaa abbaayaa ganna hagam keessatti bisaan itti guutuu malanii fi hujiin tun biyyoota ollaa sunii gama eegumsa naannootiin,gama hawaasummaa fi diangdeetiin miidhuu dandeettuu jedhani qoratan.

Dhaabilee hujii qorannoo hidhaa abbayaa kontoraataan fudhatan ta Faransaay ‘BRL’ fi ta Nezerlandis ‘Deltarace’ jedhan.

Hujiin tun silaa duraanuu jalqabuu maltee taatullee dhaabbilee huji tana hojjatan lamaanitit walii hin galiniif turte.

Akka walii galtee tanaatti dhaaba hujii qorannoo tana dhaaba Faransaayitti itti gaafatamummaan hojjataa itti aanee ammoo dhaaba Nezerlaandi irraa fuutee ta hojajttu garee Arteliyaa jedhamu dhaaba Faransaayiiti.Akka irratti hojjatan garuu dhaabbilee tanatti walii gala.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG