Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liigii Mirga Ilmaan Namaa Gaafa Afrikaa:Addunyaan Rakkoo Oromiyaa Adoo Argituu Callisuu Hin Mallee


HRLA(Horn of Africa human right league)Liigii Mirga Ilmaan Namaa Afrikaa
HRLA(Horn of Africa human right league)Liigii Mirga Ilmaan Namaa Afrikaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:34 0:00
Xurree marsariitii

Liigii Mirga Ilmaan Namaa Gaafa Afrikaa Human Rights League of Horn of Africa (HRLA) dhaaba Kanaadaa,Torontoo jiru mirga ilmaan namaatii falmuuf yayyabame.

Dhaabii kun gabaasa dhiyoo tana Breaking the Silence [callisu diduu) jedhu jalatti ‘Dhugaa qabsoo barattoota Oromoo Itoophiyaa keessa jiran,’jedhu jalatti baaseen addunyaan adoo Oromiyaa keessatti namii miidhamaa,ijjeefamaa,asi buuteen dhabamaa jirtuu callisuu hin qabdu.

Ergaan gabaasa HRLA guddoon:”biyyootii biyya tana gargaaraa jiran haala Oromiyaa keessa deemaa jiru otumaa hubatanii cal waan jedhaniif akka isaan dubbatan barbaadneeti.”

Tana maleellee akka jecha obboo Gaaromaatti “rakkoon amma deemaa jiru gara fuulduraatti itti caalaa deema.Kana caalaa hammeennii dhufuuf ka deemu waan taheef keessa seenanii furmaata itti arguu qaban.”

HRLA,akka biyyootii Itoophiyaa gargaaran rakkoo Oromiyaan deemaa jirtullee quba qabaacuu malan jedha.

“Amerikaan akkuma beekamu biyya Itoophiyaa gargaartu tokkoffaadha, lammaffaan Ingiliizi,Sadaffaan Kanaadaa,afraffaan Siwiidin fi Noorweeyiidha biyyoonni kun biyyoota sirriitti waan Oromiyaa/Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru beekaniidha. Rakkoo deemaa jiru akka hubataniif kana jedhe.”

Dhaabii kun rakkoo falmii master pilaanii Finfinneetti irratti dhalatteen walumattuu nama 150 tahutti9 lubbui dhabee namii 8,050 hidhamuun mirknaa jedha.

“Torbaan lama dura akka quba qabdanii namii 122 du’anii awwaalaman.Kan du’anii firrii awwaalate qorannee baafneerra.Isaa asitti garuu gara nama 30 du’e.Kanaafuu haga ammaatti kan du’anii fi firrii awwaalate gara 150 gahaniiru.”

Namii hidhaa jiru ammoo akka jecha obboo Gaaromaatti, “namoonni iddoo itti hidhaman beekaman bakka adda addaa Oromiyaa keessaa jechuudhaa, 8,050 ofi harkaa qamna.Walumaa galatti kan hidhame,bakka buutee dhabame kuma 30 caala.”

HRLA,rakkoon tun Oromoo master pilaanii Finfinnee falmuuf bahan irraa gahuutti jirtu hammaachaa waan jirtuuf addunyaa fala barbaaduu qabdi jedha.

Gama kaaniin ammoo mootummaan Itoophiyaa abbaan fedhe gaafii mirga gaafachuuf mirga guutuu qabaa garuu gaafii barattoota duuba dhaabbilee fi warra fedhii siyaasaa ufii guutatee biyya nagaa dhowwutti jiraa,master pilaanii kana ummatii fudhachuu baannaan hinuma hafaa jedha.

Yoo hojjatame ammoo aadaa,afaanii fi seenaa Oromoo guddisuuf malee balaa hin qabu jedhan bulchootii naannoo Oromiyaatiif mootummaa Federaalaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG