Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Kameeroon Dhiittaa Mirga Namaa Raawwatan Jedhu Jiraattonni Yaahundee


Kaameeroon namoota dhibbaan laka’aman kanneen dhiittaa mirga namaa mormuu dhaan buufata poolisii haleellaa raawwatan jedhaman to’annaa jala oolchitee jirti. Dhukaatoti naannootti hojjetaman jedhaman hedduun illee to’annaa jala oolee jira.

Anagawaa poolisii gameessi Kaameroon Forsua Martin Claude akka jedhanitti yoo xiqqaate dargaggoota 500 ta’an odeeffannoo basaasaa fi kan jiraattonni kennaniin to’annaa jala oolaniiru.

Poolisiin, deggersa uummata shorokeessummaa fudhatama dhabsiise irraa bu’aa argatee jira. Kan akka Magaalaa galma mootummaa Yaounde keessatti gocha akkasii akka raawwatamu callisanii laaluuf obsi hin jiru. Dargaggoota jiraattota Yaounde shorokeessuu fedhan mara to’annaa jala ni oolchina jedhan.

Daragaggoonni kun irra hedduun kan qabaman daandii manaa jireenyaa fi hollaa isaanii jiru irraa ennaa ta’u kanneen to’annaa jala oolan irra hedduun galmee eenyummaa isaanii mul’isu hin qaban.

Jiraattonni kanneen hidhamuu dargaggoota kanaa ijaan argan akka jedhanitti kan gara jabinaa fi dhiittaan mirga namaa itti raawwatame jedhan.

Shakkamtoota jedhanii nama hidhuun biyya doorsisa Bokoo Haraamiif saaxilamteef furmaata hin ta’u kan jedhan jiraattonni gareen kun hojii shororkaa isaa Kameroon gama kaabaa ka Nigerian wal daangessu irraa gara magaalaa galma mootummaa Yaundetti babal’achuu isaa qorannaan geggeessamuu qaba.

Daragaggoonni akka jedhanitti kan isaan morman gocha gara jabinaa poolsii fi dhiittaa mirga namaa ti ennaa jedhan poolisiin immoo shakkamaa beekamaa dhukaasa poolisii waliin geggeeffameen du’e ijaa ba’uufi jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG