Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti aanaa i/g/ paartii mormituu KFO,Obboo Beqqelee Garbaa fa hardha mana murtii federalaa Itoophiyaa fidan


Ob.Beqqelee Garbaa(File photo)
Ob.Beqqelee Garbaa(File photo)

Akka gaazexeessaan VOA Finfinnee jiru Meleskaachoo Ammahaa oduu erge keessatti jedhetti gaazexeessitotaa fi maatiillee murtii tana caqasuu dhowwanillee obboo Beqqelee fi miilota isaa 20 caalan waliin fidan.

Taatullee akka gabaasaan VOA Meleskaachoon jedhutit obboo Beqqelee Garbaa,itti aanaa barreessaa KFO,obboo Dejenee Xaafaa,itti gaafatamaa Liigii Dargaggoota KFO,obboo Addisuu Bulaalaa faan waliin mana murtii fidan.

Obboo Beqqeleen fa tana waliin marro lama mana murtii kana fidan jedhan.Akka Meleskachoon yoo jari mana hidhaatii gadi bahu karaa irratti eegadhee gaafadhe jedhetti dubbii Obboo Beqqeleen faa akka poolisiin qoratuuf beellama guyyaa 28 kennaniif.

Itti gaafatamtootii Kongireesii Federaalistii Oromoo(KFO)hedduutti hidhaa jiraa akka Melkeskachoon jedhutti barreessaan Liigii KFO,Obbo Destaa Dinqaatii fi itti aanaan isaa, Obboo Gurmeessaa Ayyaanoo hidhaa jiranii obboo Destaa bori, Ammajii 23,2016 mana murtii fidan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG