Xurree ittiin seenan

Breaking News

KFO: Ajjeechaa Oromiyaa Keessatti Geggeessame Ka Qoratu Qaamni Walabni Hundeessamuu Qaba


Mulaatuu Gammachuu, Itti Aanaa Dura Ta'aa KFO
Mulaatuu Gammachuu, Itti Aanaa Dura Ta'aa KFO

Itti-aantuun Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Lindaa Toomaas Griin, magaalaa Finfinnee keessatti ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, “Mootummaan Itiyoophiyaa, hiriirota Oromiyaa keessaa irratti meeshaa ajjeechaa yokaan qawwee rasaasa dhukaasutti fafyyadamuun dogoggora ta’ii isaa amanee fudhatee jira” jedhan. Kanaafis, gara fuul-duraatti rakkoon akkanaa akka hin uumamne haala itti poolisootaaf leenjiin kennamu irratti dubbachuu isaanii illee ibsanii jiran.

Gama biraatiin itti-aantuu Muummittiin-ministaraa Itiyoophiyaa, aadde Asteer Maammoo, mormii uummataa Oromiyaa keessatti ka’eef sababaan rakkoo bulchiisa gaarii ta’uu dubbatan. “Namoonni manneen isaanii irraa buqqifamuu isaaniif, akkasumas rakkoo bulchiinsa lafaa itti-gaafatamaan Dhaabbata Dimookiraasummaa Uummata Oromoo ti” jedhan,aadde Asteer.

Ibsawwan lameen ilaalchisuun, ka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ejjennoo dhaaba isaanii ibsan itti-aanaa dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Mulaatuu Gammachuu, yaada aadde Aster Maammootti kan walii-galan ta’uu dubbatan. “Bara 2006 irraa jalqabnee, dhimma dantaa Oromoo ilaallatu irratti akka waliin mari’annee hojjennu gaafanne iyyuu, aangawoonni DhDUO nu hin simanne. Maal naan jedhuu warra kaaniif jecha saba keenya gaddisiisan. Kan ammaa irrattis loltuu raayyaa biyyaa itti waamanii uummata nagaa haleelsisan. Itti-gaafatamtoonni DhDUO fi mootummaa aangoo harkaa qabuu fi isa waliin hojjetu, mootummaa ADWUI yokaan Ihaadegi” jedhan.

Ibsa aangawitiin Mootummaa Yunaayitid Isteets, ka Liindaa Toomaas Griin ilaalchisees ennaa dubbatan, “mootummaan Yunaayitid Isteets, filannoo Itiyoophiyaa dabre ilaalchisuun rakkoon akka jiru otuu itti himnee irra cehanii “mootummaan Itiyoophiyaa filannoo dimookiraatawaa geggeesse” jedhanii mirkaneessan.

Wanni aangawitiin amma dubbatan gaaarii ta’e iyyuu ga’aa miti” jedhan, Obbo Mulaatuun. Otuu dhiigni namoota hedduu dhanga’ee jiruu, waa’ee gara fuul-duraatti humna poolisii Itiyoophiyaa leenjisuu dubbachuun isaanii ka n isaan gaddisiise ta’uu kan dubbatan, Obbo Mulaatuun, “Ameerikaas, Awurooppaas tahe Gamtaan Afrikaa ibsa kennanii jiru. Garuu, hojii irra oolfamuu qaba. Kunis 1ffaa: Qaamni qorannaa walaba ta’e hundeessamee ajjeechaa fi yakkawwan Oromiyaa keessatti raa’ataman qoratamuu qaban, kanneen miidhamaniif gumaan baasamuu qaba. 2ffaa: Namoonni sababaa hiriira ba’anii mormii dhageessisuu isaanii hidhamanii jiran hatattamaan hiikamuu qaban. 3ffaa: Nageenya biyya kanatti buusuuf mootummana mormitoota waliin gad-taa’ii dubbachuun furmaata tokko irra ga’uu qaba. 4ffaa: Maaster pilaaniin DhDUOn haqe, jechuun dubbate qofaa isaa ga’aa miti. Paarlaamaan Itiyoophiyaa walga’ii hatattamaa waamee, pilaanichi guutummaatti haqamuu isaa labsuu qaba,” jedhan.

Guutummaa gaaffii fi deebii itti-aanaa dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo waliin geggeessamee dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:28 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG