Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Biyyattii Keessatti Waldanda’insi Amantii Akka Jiraatu Waamicha Godhan


Prezidaant Baaraak Obaamaan hawaasa Islaamummaa magaalaa Baaltimoriif erga hasahha godhanii booda oggaa barattoota nagaha gaafatan, Kaatonsviil, Meerilaand, Guraandhala 3, 2016.
Prezidaant Baaraak Obaamaan hawaasa Islaamummaa magaalaa Baaltimoriif erga hasahha godhanii booda oggaa barattoota nagaha gaafatan, Kaatonsviil, Meerilaand, Guraandhala 3, 2016.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Baaraak Obaamaa, haleellaan amantii tokko irratti geggeessamu, haleellaa mantiilee mara miidhu tahuu hubachiisan. Kaleessa kutaa Mariilaand, magaalaa Baaltimoore keessatti Masjiidha tokko ennaa dhaawwatanitti kana jedhan – Prezidaantichi.

Walga’ii hawaasa Islaamummaa ka magaalaa Baaltimore irratti kan haasawa dhageessisan Prezidaantiin Yunaayitid Isteets, haleellaalee shororkeessummaa Paarisii fi San Bernaandinoo keessatti geggeessamanii booda, hookkarri Musliimota lammiwwan Ameerikaatti xiyyeeffate kan isaan yaaddesse ta’uu dubbatan. Masjiidni isaan daawwatan sun illee ka qiyyaafata haleellaa sanaa jala ture ta’uu illee hubachiisanii jiran.

Paartii Ripublikaanii irraa ka kaadhimama prezidaantummaaf dorgomaa jiran – Doonaald Traamp, yeroodhaaf musliimota gara Yunaayitiditti godaanan fudhachuun akka dhaabbatuu fi galmeen musliimota biyyattii keessatti galmeessamu akka tolfamu gaafatanii jiran. Paartiidhuma isaanii irraa, dorgomtoonni kaadhimama prezidaantummaa kaan garuu, yaada kana ni balaaleffatan.

Musliimni lammiin Ameerikaa hidda dhalataa Paaakistaan – Ahmed Raanaa fi haati warraa isaanii, Prezidaant Obaamaa fi Dimookiraatota irraa dorgomtuun kaadhimama prezidaantummaa – Hillary Clinton, loogii Musliimotatti fuuleffate ifatti mormuun isaanii kan isaan gammachiise tahuu dubbatan.

Gurmuuleen fiinxaaleyyii, lammiwwan hawaasa Musliimaa fiinxaalessummaatti hawachuuf carraaqqii godhan dura dhaabbachuuf, akka hoogganoota hawaasa Musliimaa Ameerikaa waliin akka hojjetaa jiran dubbatan – Prezidaant Obaamaan.

Kanneen haasawa Prezidaant Obaamaa kana dhaggeeffatan keessaa tokko, ka duraan hakiima beeyladaa turan – Anwaar Chaandirii, “haasaan Prezidaantichaa kan nama jajjabeessu. Biyya kana keessatti tokkummaa jabaa uumuudhaaf, nutis hawaasa ka biraa gargaaruu, hawaasni ka biraas nu gargaaruu qaba” – jedhu.

Lammiwwan Ameerikaa marti, safuu Ameerikaa isa ganamaa, kan akka walabummaa amantii fi wal-danda’uu fi wal-kabajuutti akka cichan waamicha godhan – Prezidaant Obaamaan.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG