Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beela Itoophiyaa Naannoo Sumaaleetif Sababni Rakkina Bullchiinsa Gaariti Jedhan


Mayireem Humeeyisuu, jiraattuu aanaa Dubtii yeroo waayee hanqina nyaataa ibsitu, Affaar Itoophiyaa, Amajjii 26, 2016 (Suuraa AP)
Mayireem Humeeyisuu, jiraattuu aanaa Dubtii yeroo waayee hanqina nyaataa ibsitu, Affaar Itoophiyaa, Amajjii 26, 2016 (Suuraa AP)

Itoophiyaa naannoo Suumalee, godina Sitti (Shinillee) itti sababa ongeetin beelli hamaan ji’a sadi'i duraa gahee akka deebi’ee hin dhaqqabne koreen ummatni godinichaa dhabee jedhan tokko sodaa saa mootumma federaaliitii dhiheffate.

Koreen kun, ji’a 3 dura mummichi ministeerii Itoophiyaa H/Mariam Dasaalegn naannoo Sumaaleetti aanaawaan ongee fi beelan rukkutaman dawwatanii , mootumaan akka huubaatii caalaan hin geenye itti gaafatama fudhateet hojjata jedhanii waada galan ture, garuu gargaarsi godhame gahaa akka hin taanee ibseera.

Koreen kun minister di’eetaa hittisa balaa, qophaahinaa, fi wabii nyaataa Obboo Mitikkuu Kaasaa dubbisuu isaati fi isaanis akka fuula gaariidhan isaan kessummessan eree, garuu Obbo Mitikkun sababa naannoo biyyatti bayyeetti beellii hammateef hojiin bayyachuuraa kan ka’e motummaan sannirratti xiyyefachuu dhadabuun ibsa nutti himaaniiru jedha.

Sababa beela kanaatiin godinichatti aanaa adda addaa keessatti namoonnii baayyeen du’’af saxilamuu fi beeladoonni lakkoofsan himuun nama rakkisus dhumuu isaani miseensi koree kana tokko dubatan.

Godinichatti rakkina jira jedhame kana qulqulleefachuu dha ministeer di’etaa hittisa balaa, qophaahinaa, fi wabii nyaataa Obboo Mitikkuu Kaasaa Obbo Mitikkuu Kaasaa dubisuuf yaalin godhamnee hin milkoffnee jedha, gabaasni Meleskaachoo Amahaa Finfinne dha ergee.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:57 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG