Xurree ittiin seenan

Breaking News

Embaasiin USA fi Noorwey haala Oromiyaa keessa jirtu irratti lammii isaanii Itoophiyaa jiranii fi achi dhaquuf jiran akeekkachiisan


Embaasii Yunaaytid Isteetis(USA)
Embaasii Yunaaytid Isteetis(USA)

Embaasiin USA Itoophiyaa jiru jeequmsa dhiyoo tana magaalaa Shashamanee keessa jiru jedhanii fi walitti bu’iinsa magaalaa Ajjee tohachumatti jira jedhee akka lammiin isaanii naannoo jeequmsatti jiran jedhan sun hin dhandhe itti dhaame.

Akkana jedha Embaasiin USA dhaamsa lammii isaaniitii dhaameen;karoora nagaa keessanii irra deebihaa ilaalaa, mirgaa bitaa ufi hubadhaa, waan naanno teessan jiraa ilaalaa,oduu naannoo teessanii quba qabaadhaa.

Akka lammiin USA gama nagaatiin waan bulchootii naannoo jedhanillee hordofan itti dhaame.

Embaasiin USA kun akka lammiin Amerikaa nagaa addunyaa quba qabaachuuf marsaa interneetii Ministera Haajaa Alaa USA (Department of States) ilaalanii odeeffannoo Itoophiyaallee quba qabaatan itti dhaame.

Odeeffannoo guutuu qabaachuuf ammooo embaasiin USA Finfinnee jiru akka lammiiwwan isaa bilbilaanii odeeffannoo qabataan itti dhaame.

Noorweeyilleen odeeffannoo marsaa odeeffannoo isii irratti baafteen akka lammiin isii naannoo Oromiyaa jiran ykn dhaquuf karaa jiran Finfineellee dabalee haala naannoon sun keessa jirtu hubatan akeekkachiiste.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG