Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koleeraan Moyaalee Keessatti Lubbuu Galaafate


Mooyyaalee
Mooyyaalee

Jiraattonni Magaalaa Moyyaalee dhibeen Koleeraa akka isaan rakkisaa jiru Raadiyoonii Sagalee Ameerikaaf himan. Jiraattonni kuni akka jedhanittii, dhukkubi kuni erga mullachuu jalqabee torbee sadii ol kan lakkoofsise yoo ta’u, haga yoonaas lubbuun namoota lamaa sababa kanaan darbuu dubbatanii, dubartii ulfaa tokkorraas ulfi ji’a torbaa irraa baheera jedhu. Dhukkuba kana yeroon to’achuuf jecha mootummaan carraaqqii gahaa hin goonee jechuun komii yoo dhiyeeffatani jiraattonni kun. Itti gaafatamaa buufata fayyaa magaala Moyyaalee ka ta’an Obbo Boruu Huqqaa waa’een koleeraa ka’uun kuni dhugaa ta’uu amananii haalli dhukkuba kanaa to’annoo jelaa kan bahe mitii jechuun dubbatu.

Obbo Booruun dhukkuba kana to’anneerra jiraattonnis hagas rakkataa hin jiran haa jedhaniyyuu malee, jiraataan magaalattii Obbo Zegeyyee jedhaman garuu ammaa rakkoon dhukkuba kanaa jiraachuu dhugaa bahu.

Dhimma lubbuun namaa sababa dhukkuba kanaa darbuu Obbo Booruun ‘sababa dhukkuba kanaa lubbuun namaa darbe hin jiru’ jechuun dubbii jiraattonni magaalattii dubbatan haalanii jirani.

Gabaasa guutuu dhaggeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG