Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Perezdaantummaa Amerikaa 'Super Tuesday' kalee Hilarii fi Tiraampitti moo’e


Hilarii Kilintoni fi Donald Trump
Hilarii Kilintoni fi Donald Trump

Amerikaan perezidaantii filachuuf nama hedduu wal dorgomsiifachuutti jirti. Godina gara garaa irra yaahaa;Caucus, Primary jechaa godina gara garaa irra maranii dorgoman.

DEM 2016 Clinton
DEM 2016 Clinton

​Dorgommii Super Tuesday,godinii Amerikaa 11 kalee bahee fialte Demokiraatik keessaa jaartii perezidaanti Bill Kilinton,Hilarii Kilintonitti moo’e.

Hilariin godina 11 keessaa; Tennessee Alabama, Georgia, Arkansas,Virginia, Texas fi Massachusetts moote.Nami isii waliin gama Demokiraatikii dorgome Sanders;Vermont,Oklahoma, Minnesota, fi Colorado moo’e.Gama Rippaabilikaan keessaa ammoo dureessaa abbaa horii biliyoona hedduu;Donald Trumphitit moo’e.

GOP 2016 Trump
GOP 2016 Trump

Innilleen Arkansas,Georgia, Alabama, Tennessee, Virginia, Vermont fi Massachusetts.Senator Ted Cruz ammoo godina Texas, Oklahoma fi Alaska moohe.Senator

Marco Rubio ammoo Minnesota moohate.Ted Cruz akka miilotii isaa dorgommi dhiisanii Donald Trump moohuuf irratti wal gargaaran gaafate.

Dorgommiin Super Tuesday dhuamattee amma dorgommii Primary fi Caucus jedhanitit hafa.

Hagayya 8-21,2016 Rippaabilikaanitit abbaa perzidaantii tahuuf filata.Hagayya 25-28,2016 Demokiraatikitti nama perezidaanti tahuuf filata.Sadaasaa 8,2016 irratti filannoo perezidaantummaatti godina 50nu keessatti jalqaba.

Haga guyyaan filannoo guddaan gahutti jarii walti hafe godinuma gara garaa yaahee wal dorgoma.

Namii perezidaantii tahu Ammajii 5, 2017 beekamaa Ammajii 20,2017 eebbisanii hujii jalqaba.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG