Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artiist Admaasuu Biraanuu Maaliin Yaadatama? Maatii fi Waahiloota isaa dubbisneerra.


Artiist Admaasuu Biraanuu
Artiist Admaasuu Biraanuu

Qoosaa, draama, sirbaa fi hojii aartii adda addaa hojjachudhan ummata Oromoo biratti beekkama - Admaasuu Biraanuu. Guraandhala 14 bara 2016 dhalatee ogaa 60-tti, adunyaa kanarra du’an boqate. Admaasun abba ijolee shaniiti. Du’i artiistii jalatamaa kana ijoolee fi firootaa isaa qofa mitii, ummata oromoo hojii isaatin isa jalatuu hunda rifachiisee, gaddisiisera.

Admaasuu Biraanuu fi intala isaa Daaraartuu Biraanuu. Daaraartuun "abbaan kiyya anaaf hiriyaa kiyyaa ture," jette.
Admaasuu Biraanuu fi intala isaa Daaraartuu Biraanuu. Daaraartuun "abbaan kiyya anaaf hiriyaa kiyyaa ture," jette.

" Finfinneetti maqaa Daaraartuu qabaachuun salphaa hin turre. Ijooleen oggaa natti kolfan maqaa kana narra jijjiri jedhee abbaa kiyya gaafachaan ture," han jettu intalli Admasuu, Daaraartuu Birhaanuu," amma garuu ergaan guddadhee baayyeen isa galateefadha" jetti.

Admaasuun Bara 1970 keessaa Siinimaa bulchiinsa magaala Finfinnetti sirba hammayya sirbuuf shubbisan han artitti seene. Achumatti meshaa muziqaa adda addaa han akka tramfeeetii faa taphachuu jalqabe. Admaasun ofii sirbuu qofa odoo hin ta’in walaloo fi yeedaloo sirbaa qopheesee artiistoota akka Dawitee Mokoonnon ,Tsegaayee Dandanaa Hirphaa Gaanfuree fi Asteer Dadhiifaatii gumaachera.

Keennaa uumaa, jalaala artii fi cimanii hojjachuu walitti fayyadamee artiistii urjii ta’udhaf yeeroo itti hin fudhanne.

Tuuta Dhangaa. Dhangaaan sagantaa bashannaanaa Tv Itoophiyaa qophii Afaan Oromoo irratti dhihaachaa ture.
Tuuta Dhangaa. Dhangaaan sagantaa bashannaanaa Tv Itoophiyaa qophii Afaan Oromoo irratti dhihaachaa ture.

Bara 1990 keesaa ogaa Televisiinii Itoophiyaaratti Sagantaan Afaan Oromo jalqabamu, Admaasun yeroo oddo hin gubiin taatota haaraa walitti qabee shaakalchiisu jalqabe. Obbo Dajanee Guutamaa Itichaa, oggas TV Itoophiyaati qophii Afaan Oromootii Daayreektarii Isitiidiyoo ture. Aadee Simeeny Teessoo immo sagantaa Afaan Oromoo irratti beeksiistuu fi gaazexeesituu turte. Lamaanuu dubbisee, gumaachii Admaasuu guddaa akka ture nayaadachiisaniiru.

Admaasuun Kaarakterii fe’e ta’e taphachuun isa dhibee hin beeku jedhan warri hojii isaa dinqisifatan. Draamaa fi koomedhii ( tapha) irratti hojatee huda asitti siini tareesuu dadhabuus, amma tokoo sin yadachisuudha: Ani eenyuu, abbaa dumbburree, qaanqee, haadha garasuu, mana nyaataa, hadhaa firaa , Ameerikaa, qaween koo fi Dheebuu kaasuun hin gaha.

Aartiin Oromoo reefu hinxuqamnee , reefu jalqabaa jirra han jechaa ture Admaasun kara ijolee nubooda jirtuuti agarsiisa jira jechaa ture. Inni garuu artii jalatuu bakka hawwee gahee odoo hin argin du’an dursameera. Sirni awwalcha Admaasuu bakka firoonni, hiriyoonii fi namoonni hojii isaa dinqisifataan argamanitti magaala Finfinneetti sirnna o’adhan geggefameera.

Artiist Admaasuu Biraanuu Maaliin Yaadatama?
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:13 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG